Kitaaba Faaru'uu64gax_twf

Daadimata Diinota Jalaa Bayiisaaf Dhikaate

Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif.

1Ee Waaqa, rakkinna keessattiqoonqoo tiyya naaf dhage'i;sodaachisaa diinaa irraa na eegi.2Mala worra hama'aa duraa,waan hantuu hujiisaaworra wolitti qabamu duraa na dhossi.3Isaan arraba ifii akka shallaaga'aa qaratan;dubbii hadhoottuu akka daayaa darbatan.4Isaan dhokatanee nama yakkaa hin qannetti,sodaa malee dedhuma darbatan.5Isaan waan hantuu hujiisaaf woliin mari'atan;tiyyoo afiisaaf dhossa'aan mala dhowaa,«Eentu nu dhagga?» jedhaa yaadan.6Yaadi gadhaa namaatii fi qalbiin namaagad fagoo waan teeteef,isaan waan hantuu mala dhowanee,«Nuuti mala dansaa dhoonneera» jedhan.
7Waaqi ammoo daaya ifii gara isaanii hin darbata;isaan dedhuma hin madowan.8Waaqi dubbuma arraba isaaniitiingara badi'ii isaan fida;worri isaan dhaggu martimurgo'oon mataa ifii itti hin raasan.9Nami marti hin sodaata;isaan hujii Waaqaa lallabaa,waan inni godhelle yaadanee hin hubatan.10Worri balchaanMootii Waan Maraatiin gammaduu ti;isatti baqatuu ti;worri qajeelaan martiMootii Waan Maraa leellisuu ti.