Kitaaba Faaru'uu
61
/
gax_twf
Daadimata Diinota Jalaa Bayiisaaf Dhikaate
Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii ta meya ribu'uutiin faarfatante.
1
Ee Waaqa, iyya tiyya dhage'i;
daadimata kiyya caqasi.
2
Addii kutadhee,
qaccee lafaa irraa si waammadha;
Gara rassaa na caalaa
ol ka'eeruu san na geessi.
3
Ati addee ani itti baqadhu waan teeteef,
diinota kiyya loliisaaf,
ati xelleephoo tiyya jaddu'u.
4
Ani bara jiruu tiyyaa mara
mana keeti keessa le'uu fedha.
Gaaddisa bobaa teetii jalatti baqatuu fedha.
5
Ee Waaqa, waadaa kiyya dhageetteerta;
qooda worra maqaa keeti sodaatuuf kennite
naafille kenniteerta.
6
Bara jiruu mootichaa irratti
woggaa hedduu ede'i;
inni dhalootaa haga dhaloota heddu'uu le'uu ti.
7
Fuula keeti duratti
haga bara baraa isa mootonsi;
jaalala keeti ka bara baraatii fi
addatamummaa teetiin isa eegi.
8
Guyyuma guyya'aan waadaa kiyya eegatiisaan,
yennaa mara faaru'uun maqaa keeti leellisa.
Powered by Seed Bible API
expand_more
Search
All books
Old Testament
New Testament
chevron_left
Previous Chapter
Books
search
Search
explore
Discover
share
Share
chevron_right
Next Chapter