Kitaaba Faaru'uu6gax_twf

Daadimata Yennaa Rakkinnaa

Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii ta meya ribu'uutiin faarfatante.

1Ee Mootii Waan Maraa, aari'iin na hin xixin;yookiin mufi'iin na hin adabin.2Ee Mootii Waan Maraa, ani dadhabaa waan te'eef,naaf marari;Ee Mootii Waan Maraa,lafeen tiyya soda'aan waan na sheephitteefna fayyisi.3Lubbuun tiyya guddoo na raafanteerti.Ee Mootii Waan Maraa, na qarqaariisaaf,ati haga yoomii turta?4Ee Mootii Waan Maraa, deebi'ii na baasi;jaalala keeti ka bara baraatiif jedhii na hamburi.5Nami du'ee si qaabatu hin jiru;boolla awwaalaa keessaa ka si leellisu eennu?6Ani aadiisaan dadhabeera;halkan mara bowaan taqee tiyya maxanqeessee,imimmaaniin boraatii tiyya tortorse.7Akka malee waan gaddeefilti tiyya dhagguu dadhaddeerti;sababa diinota kiyya maraatiifilti tiyya caararrootteerti.8Mootiin Waan Maraa bowa tiyya waan dhage'eef,isin worri hamaaleyyiin marti na irraa fagaadha'a.9Mootiin Waan Maraa iyya tiyya dhage'eera;inni daadimata kiyyaaf deebii hin kenna.10Diinoti kiyya marti hin qaanowan;guddoo hin sodaatanille'e;dedhuma salphatanee, gara duubaa hin deebi'an.