Kitaaba Faaru'uu58gax_twf

Waaqi Akka Nama Hamaa Adabuuf Daadimata Dhikaate

Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii, ta akka yoyyoma faaruu, «Hin balleessin» jedhantee beekkantutti faarfatante.

1Isin bulchitoota,isin dhugumaanwaan sirrii te'e hin dubbattanii ree?Isin kolba'atti haqa hin murtanii ree?2Waawwo'o! Isin gadhaa keessan keessattiwaan haqa hin te'in mala dhoottan;lafa irratti hunnaan namatti kaatan.3Worri hamaaleyyiingadaamessa haadha ifiitii jalqabanee,karaa irraa goraneeran;haga dhalatanee jalqabanee,karaa fedha ifii deemaa dhara dubbatan.4Isaan akka dhudhuufa'aa hadhaa qaban;isaan akka buutii gurra duuddu'uu,5ta qoonqoo worra qorsaan muusessuu,yookiin dubbii worra qaroolee xanoo hujuulle hin dhageennee ti.
6Ee Waaqa,ilkaan isaanii afaan isaanii keessatti caccassi;Ee Mootii Waan Maraa,worra akka dardaroota neenqaa qadhiffaa qabu,qadhiffaa isaanii butuchii keessaa harcaasi.7Akka bisaan lola'ee dabaruu badanuu ti;yennaa isaan guubee qopheeffatanu,daayi isaanii tutuma te'uu ti.8Isaan akka calanqaa adoo ideemuu baquu te'anuu ti;isaan akka finna du'ee dhalatee,ka ijjumaa ifa hin dhagginii te'anuu ti.9Isaan akka haasumee jiituuyookiin godduu adoo hin bobe'in,adoo okkotee hin o'isiniin duraqilleensaan haxowantuu ti.
10Worri balchaanWaaqi haluu isaaniif bayuun yennaa dhagganu,gammadaan firinxiixan;miila ifii dhiiga worra hamaaleyyi'iitiin dhiqatan.11Yennaa san namooti,«Dhugumaan worri balchaangatii hin dhaggatan;dhugumaan Waaqi biyya lafaatitti muruhin jira» hin jedhan.