Kitaaba Faaru'uu57gax_twf

Daadimata Qarqaarsa Waaqaa Dhaggatiisaaf Dhikaate

Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii, ta akka yoyyoma faaruu, «Hin balleessin» jedhantee beekkantutti, yennaa inni Saa'ol duraa baqatee goda keessa jiru faarfatante.

1Lubbuun tiyya waan sitti baqattuuf,na marari, ee Waaqa, na marari.Haga rakkoon dabartuttiani koola keeti jalatti baqadha.
2Ani gara Waaqa Ol-Aana'aa,gara Waaqa waan naaf barbaachisumara naa muummessuu hin iyya.3Inni ol-gubbaa irraa ergee na baasa;inni worra na irra sirbu hin salphisa.Waaqi jaalala ifii ka bara baraatii fiaddatamummaa ifii hin erga.
4Ani worra akka neenqa nama nyaatiisaafila babaasuu odduu irkadhe.Ilkaan isaanii akka ebo'ootii fi daayaa ti;arrabi isaanii akka shallaagaa qaramee ti.
5Ee Waaqa, ol-gubba'aan gubba'atti saadami;ulfinni keeti lafa duudii irratti te'uu ti.
6Diinoti kiyya miila kiyyaaf fonxoroo afane;lubbuun tiyya gaddaan gad jette.Isaan karaa kiyya keessatti boolla qotane;ammoo ifumaaf keessa bu'ane.
7Ee Waaqa, gadhaan kiyya hin mamu!Gadhaan kiyya hin mamu.Ani hin faarfadha;meya faaru'uu ka adda addaatiin hin faarfadha.8Lubbuu tiyya dammaqi;ee kiraaraa guddicha,ee maseenqo'o dammaqa'a;anille boruu hin dayyaasa.9Ee Gootta'a,ani gosa biyya adda addaa oddu'uttisi galateeffadha.Ani gosa biyya adda addaa oddu'uttifaaru'uun si leellisa.10Jaalalli keeti ka bara baraa guddaa waan te'eef,akka ol-gubba'aa ol fagaata;addatamummaan teeti duumensa dhaqqaddi.11Ee Waaqa, ol-gubba'aan gubba'atti saadami;ulfinni keeti lafa duudii irratti te'uu ti.