Kitaaba Faaru'uu53gax_twf

Hammeenna Namaa

Sooressa faarfattootaatiif, wolaloo Daawitii, ta akka yoyyoma, «Mahalaat» jedhamee beekkamutti faarfatante.

1Gowwooleen gadhaa ifii keessatti,«Waaqi hin jiru» jedhan;isaan worra bada'a;waan gadhee hujan;isaan keessaaka waan dansaa huju tokkolle hin jiru.2Worra qaroolee Waaqa barbaadu,yoo jiraatane dhaggiisaaf,Waaqi ol-gubbaa irraa,gara ilmaan namaa gad ilaala.3Isaan ammoo martinuu dudda itti galaneeran;martinuu wolumatti worra badaa te'aneeran;isaan keessaa ka waan dansaa huju hin jiru;tokkolle hin jiru.
4Worri hamaaleyyiin womaa hin hubatuu?Akkuma nami sagalee nyaatuworri kolbaa tiyya nyaatu,gara Waaqaa hin daadimatu.
5Isaan addee wonni sodaatanu hin jirretti,sodaatanee bararaqan.Waaqi lafee diina kolbaa ifii hin bittinneessa;Waaqi waan isaan jibbeef,isin kolbaan Waaqaa isaan hin qaanessitan.
6Xiyoon keessaaIsraa'eliif fayyinni adoo dhufee jiraatee!Yennaa Waaqi boojuu kolbaa ifii deebisu,sanyiin Yaaqoobii burraaxxuu ti;kolbaan Israa'elii gammadduu ti.