Kitaaba Faaru'uu49gax_twf

Gowwummaa Durumma'atti Addatiisaa

Faaruu ilmaan Qoraahii, sooressa faarfattootaatiif.

1Kolbaan marti tana dhage'a'a!Worri biyya lafaa tana keessa leetanu marti caqasa'a!2Gudda'aa fi diqqa'aan,dureessaa fi hiyyeessi caqasa'a.3Afaan kiyya jechoota qarumma'aa dubbata;yaad gadhaa kiyyaa hubantii kenna.4Ani gurra kiyya gara fakkeennaa deebifadha;hiibboo tiyyakiraaraan hiika.
5Guyyaa wonni hantuun natti dhuttuu fihamaaleyyiin sobaaleyyiin na marsanuani maaf sodaadha?6Worra qabeenna ifiititti addatuu fidurummaa ifii guddo'oon kooru,ani maaf sodaadha?7Dhugumaan, nami nama wodu,yookiin gatii wodo'oo sanWaaqaaf kennuu dande'u hin jiru.8Gatiin lubbuu namaa akka malee guddo'o;wonni silaa kaffaluu dande'anuuyyuuijjumaa hin geettu.9Akka du'ee hin shanne,haga bara baraa akka le'u godhiisaafijjumaa hin geettu.
10Qarooleen akka du'anu nami marti hin dhagga;gowwoole'ee fi daalleelle hin badan;qabeenna ifiille worra dhibi'iif lakkisan.11Lafa maqaa isaaniitiin waammantu yoo qabaatanelle,irreensi isaanii haga bara baraa mana isaanii hin te'a;dhalootaa haga dhalootaatitti addee leetoo isaanii hin te'a.12Durummaan du'a irraa nama hin hamburtu;nami akkuma hori'ii hin du'a.13Hireen worra gowwumma'aan ifitti addatuutii fihordofattoota isaanii,ka waan isaan jedhanu fudhatuu tana.14Isaan kun akkuma hoole'ee hin du'an;duuti isaan hin tissiti.Worri qajeelaan ganamaanirreensa isaanii irra hin ideema;isaan mana ifii dansaa irraa fagaatanee,addee worri du'e jiru keessatti hin shaman.15Waaqi gara ifii waan na fudhatuuf,dhugumaan inni lubbuu tiyyahunna addee worri du'e jiruu jalaa hin woda.
16Nami yennaa dureessa te'e,qabeenni mana isaa yennaa dabalame,hin sodaatin.17Inni yennaa du'u womaa hin fudhatu;karri isaa isa woliin hin awwaalamu.18Nami bara jiruu ifii mara gammadee,wonni marti isaaf teetee leellifamulle,19du'ee gara abbootii ifii ta durii,ta deebitee ifa hin dhagginee hin deema.20Nami karra qabaatee hubantii dhabe,akkuma hori'ii hin du'a.