Kitaaba Faaru'uu48gax_twf

Qachaa Guddicha Waaqaa, Xiyoon

Faaruu. Faaruu ilmaan Qoraahii.

1Mootiin Waan Maraa gudda'a;qachaa Waaqa keennaa keessattigaara woyyicha irrattiguddoo leellifamuu qaba.2Gaarri Xiyoonii ka gara kaabaatitti dhaggamu,ka dheerinnaan miidhagu,qachaa mooticha gudda'aa,ka lafa duudii gammachiisu.3Waaqi mana mootumma'aa jabaaqachaa sanii keessa jira;inni kushee qachaa sanii akka te'e ifi mudhiseera.4Qachaa san loliisaaf,moototi wolitti qabamane.5Isaan akkuma dhagganeen maadeffatane;sodaatanee baqa kottee addeessane.6Achitti rommiis isaanitti dhufee,akka dubartii ciniinsifattuu muddamane.7Akka hoboloota gugurdoo Tarshiishiita qilleensa gara aduun baatuutiin bututanuu te'ane.
8Waaqi qachaa ifiihaga bara baraa jabeessee akka dhaabu,akkuma dhageenne,akkasuma qachaa Mootii Waan MaraaWaaqa Waan Mara Dadee,ka Waaqa keennaa irratti dhaggineerra.
9Ee Waaqa, Galma keeti keessatti,jaalala keeti ka bara baraa yaadanna.10Ee Waaqa, akkuma maqaan keeti lafa duudii geye,leellisi keetille lafa duudii geyee,harki keeti middichi balchumma'aan guutameera.11Muraan teeti dhugaa waan teeteef,worri gaara Xiyoonii irra le'u gammaduu ti;worri qachoota Yihuda'aa keessa le'u firinxiixuu ti.
12Qachaa Xiyoonii naannowaa ideemaa,adaala isaa mara'a.Xelleephoo isaa laakkowa'a.13Dalleya dhaka'aa ka isaa hubadha'a;kushee isaalle ilaala'a.Akka dhaloota dhufuun,14«Waaqi kun, haga bara baraa Waaqa keenna;inni haga du'aatitti nu sooressa» jettanu.