Kitaaba Faaru'uu
45
/
gax_twf
Faaruu Fuudha Mootichaa
Wolaloo ilmaan Qoraahii, sooressa faarfattootaatiif, faaruu ta akka yoyyoma faaruu, «Daraaraa» jedhantee beekkantutti faarfatante.
1
Dubbiin dansaan gadhaa kiyya guuttee dhangalaati;
wolaloo tiyya mootichaaf hin dhageessisa;
arrabi kiyya akka feenii nama woy barreessiisaan beekkamee ti.
2
Ati ilmaan namaa mara caalaa miidhaga'a;
dubbiin teeti arnya qaddi;
tanaaf Waaqi haga bara baraa si eebbiseera.
3
Ee mooticha janna,
ka ulfinnaa fi arnya qaddu,
shallaagaa keeti hidhadhu.
4
Marroo dhuga'aa, marroo gadhi-laafumma'aa fi
balchumma'aatiif,
arnya keetiin injifatiisaaf ka'i;
harki keeti middichi
injifachaa gugurdoo dhaggisiisuu ti.
5
Daayi keetii ka qarame,
gadhaa diina keetii hin woraana;
gosi biyya adda addaa miila keeti jalatti hin jigan.
6
Ee Waaqa barcumaan mootumma'aa keeti,
ka bara baraa ti;
uleen bokku'uu teetille ulee bokku'uu ta haqaa ti.
7
Ati balchummaa jaalattee,
hammeenna jibbite;
tanaaf Waaqi, Waaqi keeti zayitii gammadaa si muudee,
hari'aa teeti akka caaltu si godhe.
8
Woyaan fiqiree qumbii, hargiisaa fi
dakkara irraa hujanteen fiqqitti.
Mana mootumma'aa ka ilka arbaatiin seefame keessaa
qoonqoon kiraara guddichaatii fi
maseenqo'oo si gammachiitti.
9
Dubartoota mana mootumma'aa keessa jiranu odduu,
ijoolleen durraa ta moototaa jiran;
giittittiin worqii biyya Ofiirii naqattelle
gara harka keeti middaatiin dhaabbatti.
10
Ee intala dhage'i!
Waan ani jedhu caqasi;
kolbaa teetii fi mana abbaa keetii dedhi.
11
Mootichi miidhaginna keetiif si halcha;
inni goottaa keeti waan te'eef, isa ulfeessi.
12
Kolbaan Xiiroosii kennansa sii fidan;
worri dureeyyiin si'itti dhikaatiisaaf barbaadan.
13
Intalti mootichi fuudhaaru
woyaa worqi'iin kuulante uffattee,
kolloo ifii keessa jirti.
14
Woyaa kuula hedduu qaddu san uffattee,
gara mootichaa geeffanti;
durri bookarsitooti isi'ii
isii gula gara mootichaa hin dhaqan.
15
Isaan ililleetti'ii fi gammadaan
isii gula mana mootichaa hin seenan.
16
Ilmaan teeti addee abbootii teetii hin bu'an;
ati lafa duudii akka bulchanu hin goota.
17
Ani dhaloota mara keessatti
gurra keeti hin mudhisa;
tanaaf gosi biyya adda addaa
bara baraa haga bara baraa si leellitti.
Powered by Seed Bible API
expand_more
Search
All books
Old Testament
New Testament
chevron_left
Previous Chapter
Books
search
Search
explore
Discover
share
Share
chevron_right
Next Chapter