Kitaaba Faaru'uu43gax_twf
Daadimata Nama Booji'amee
(Faaruu 42 irraa itti fufe)
1Ee Waaqa, naaf muri;worra si'itti hin dhugeeffanne duratti naaf falmi;worra dharaameyyi'ii fi hamaaleyyii jalaa na baasi.2Ati Waaqa ani itti baqadhu;ati maaf na lakkitte ree?Ani diinota kiyyaan cunqurfameemaaf bowaa ideema ree?3Ifa keetii fi dhugaa teeti ergi;isaan na sooressaa gara kooba teeti woyyitti'iigara Galma ati keessa leetuu na fidanuu ti.4Achiin duuba ani gara addee ciinca'aa ta Waaqaagara Waaqa itti gammaduu hin dhaqa;ee Waaqa, Waaqa kiyya,ani kiraara kiyya guddichaan si leellisa.5Ee lubbuu tiyya maaf gaddita?Na keessatti maaf jeeqanta?Ani deebi'ee Waaqa fayyisaa kiyya waan leellifadhuuf,Waaqa keetitti addii godhadhu.