Kitaaba Faaru'uu42gax_twf

Daadimata Nama Booji'amee

Wolaloo ilmaan Qoraahii, sooressa faarfattootaatiif.

1Akkuma gadansi bisaan yaa'u dharra'u,Ee Waaqa, anille si dharra'a.2Lubbuun tiyya Waaqa,Waaqa jiraataa dheebotti;ani yoom dhaqee fuula isaadhagguu dande'a ree?3Kolbaan yennaa mara,«Waaqi keeti meet?» waan naan jettuuf,halkanii fi guyyaa imimmaan sagalee tiyya teeteerti;
4Ani gumii san woliin,gumii jila jilifattu woliin,ililleetti'ii fi faaruu galataatiin,gogeessaan sooressaagara Galma Waaqaa attam akka deeme yennaa qaabadhu,gadhaan kiyya gaddaan na bada.5Ee lubbuu tiyya maaf gaddita?Na keessatti maaf jeeqanta?Ani deebi'ee Waaqa fayyisaa kiyya waan leellifadhuuf,Waaqa keetitti addii godhadhu.
6Lubbuun tiyya na keessatti gadditeerti;tanaaf ani lafa Yordaanosiitii fikooba Hermoonii irraa,gaara Mizaarii irralle'ee si qaabadha.7Shookkessa gootuu teetiitiinqileen qilee waanti;hunni guddoon danbalii teetii na gubbaa yaate.8Mootiin Waan Maraa guyyaa marajaalala ifii ka bara baraa mudhisa;anille halkan faaruu isaaf dhikeessa;gara Waaqa jiruu tiyyaa daadimadha.9Ani Waaqa rassaa kiyyaan, «Ati maaf na deete?Diinoti kiyya waan na cunqursaneef,ani maaf bowaa ideema?» jedha.10Diinoti kiyya yennaa mara, «Waaqi keeti meet?» jedhiisaan na arrassaa lafee na cassan.
11Ee lubbuu tiyya maaf gaddita?Na keessatti maaf jeeqanta?Ani deebi'ee Waaqa fayyisaa kiyya waan leellifadhuuf,Waaqa keetitti addii godhadhu.