Kitaaba Faaru'uu32gax_twf

Cubbuu faaci'atiisaa Fi Araara

Wolaloo Daawitii.

1Nami cubbuu isaatiif araarri kennameef,ka yakkaan isaa lakkifanteef ka gammade.2Nami Mootiin Waan Maraa cubbuu itti hin laakkonne,ka soba ifi keessaa hin qanne ka gammade.3Ani yennaa cubbuu tiyya faaci'atuu dhabe,guyyaa guutuu aada.4Ati halkanii fi guyyaa na adadde;akka waan o'i bonaa gossee,hunni tiyya na keessaa godde.
5Achiin duuba ani cubbuu tiyya sitti dhugaa baase;yakkaa tiyyalle hin dhoffanne.Ani «Cubbuu tiyya Mootii Waan Maraatitti dhugaa baasa» jedhe;atille cubbuu tiyya naaf araarante.
6Tanaaf, nami addatamaan martigara keeti daadimatuu ti.Rakkinni akka lolaa jaba'aa yennaa dhufe,isa hin dhaqqabu.7Ati addee ani itti dhokadhu;ati rakkinna irraa na eedda.Ati ililleettii worra bayiisa kiyyatti firinxiixuun na marsite.
8Mootiin Waan Maraa,«Ani karaa ati deemu'uu maltesi hubachiisee si barsiisa;si gorsa; si toowadha.9Ati akka fardaa fi gaange'ee,ka wo hin beennee hin te'in!Bixaalaa fi lugaamaan ifitti yoo harkitte malee,isaan sitti hin dhikaatanu» jedhe.
10Farri worra cubbaaleyyi'ii heddu'u;nama Mootii Waan Maraatitti addatu ammoojaalalli isaa ka bara baraa isa hin marsa.11Isin balchooleenMootii Waan Maraatiin gammada'aa ilillisa'a!Isin worri gadhaa qajeela'aa ilillisa'a.