Kitaaba Faaru'uu16gax_twf

Waaqatti Addii Godhatiisaaf Daadimata Dhikaate

Faaruu Daawitii.

1Ee Waaqa, ani sitti waan baqadhuuf,ati na eegi.2Ani Mootii Waan Maraatiin,«Ati Goottaa kiyya;si'iin malee ani waan dansaa hin qabu» jedhe.3Worri isaaf woyyoomee lafa irra le'u, ka ulfaate;ani isaanitti gammada.
4Worra waaqota dhibii waaqonfatugadda gudda'atti isaan dhaqqaba.Ani waaqota dharaatiifciincaa dhiigaa hin dhikeessu;afaan kiyyalle'een maqaa isaanii hin dhowu.5Ee Mootii Waan Maraa,qoodi lafa tiyyaatii fi hireen tiyya si'i.Qoodi lafa tiyyaa harka keeti keessa jira.6Wodaroon tiyya ta meessaa ittiin mikanuaddee dansaa irra naaf buute;dhugumaan ani lafa dansaa qaba.
7Ani Mootii Waan Maraaka gorsa naaf kennu hin leellifadha.Halkan keessallewodanaan kiyya ifi na eeggachiisa.8Mootiin Waan Maraafuula kiyya dura akka naaf jiru,ani yennaa mara hin beeka.Inni midda kiyya waan jiruuf,ani hin raafamu.9Tanaaf, gadhaan kiyya hin gammada;arrabi kiyya hin ilillisa;nafi kiyyalle sodaa malee hin foorfata.10Ati addee worri du'e jiruttiwaan na hin lakkinneef,ati woyyicha keeti akka shamu hin gootu.11Ati daandii jiru'uu natti hin mudhitta;gammadi guutuun fuula keeti dura,wonni haga bara baraa nama gammachiisuharka keeti middicha keessa jira.