Kitaaba Faaru'uu
150
/
gax_twf
Mootii Waan Maraa Leellisa'a
1
Mootii Waan Maraa leellisa'a!
Addee Woyyittii isaa keessatti,
Waaqa leellisa'a!
Ol-gubbaa isaa hunnaamettii keessatti,
isa leellisa'a!
2
Hujii jadduu inni godheef isa leellisa'a.
Guddinna isaa,
ka waan mara caaluuf isa leellisa'a.
3
Tultulla'aan isa leellisa'a.
Kiraara guddichaa fi
maseenqo'oon isa leellisa'a.
4
Dibbe'ee fi shubbisiisaan isa leellisa'a.
Kiraaraa fi suusulle'een isa leellisa'a.
5
Sibiila wolitti dhowamee qilillisuun,
isa leellisa'a.
Sibiila wolitti dhowamee,
akka malee qilillisuun isa leellisa'a.
6
Wonni hafuura baafatu martinuu
Mootii Waan Maraa leellisanuu ti!
Mootii Waan Maraa leellisa'a!
Powered by Seed Bible API
expand_more
Search
All books
Old Testament
New Testament
chevron_left
Previous Chapter
Books
search
Search
explore
Discover
share
Share
chevron_right
Next Chapter