Waan Waaqi Nama Irraa Barbaadu
Faaruu Daawitii.
1Mootii Waan Maraa,Dunkaanii Woyyittii teeti keessaeentu jiraatiisa dande'a?Kooba keeti woyyicha irraeentu le'uu dande'a?2Worra komii hin qannee fika waan balchaa te'e huju,ka gadhaa ifii keessaa dhugaa dubbatu,3ka maqaa namaa hin balleessine,ka jaalota ifii irratti waan hantuu hin hunye,ka ollaa ifii hin hamanne.4Worra hamoolee ka tuffatu,worra Mootii Waan Maraa sodaatu ammoo ka ulfeessu.Ta isa miitu teetellewaan waadaa gale ka muummessu.5Beesee ifii dhala malee ka liqeessu;worra balleessaa hin qanne miidhiisaafsafuu ka hin fudhanne.Nami waan kana godhu ijjumaa hin raafamu.