Kitaaba Faaru'uu
149
/
gax_twf
Faaruu Leellisaa
1
Mootii Waan Maraa leellisa'a;
faaruu haareya
Mootii Waan Maraatiif faarsa'a!
Wolde'a kolbaa isaa keessatti
isa leellisa'a.
2
Israa'elooti,
ka isaan dadeen firinxiixanuu ti;
ijoolleen Xiyoonii,
mootii ifiitiin gammadanuu ti.
3
Shubbisaa maqaa isaa faarsanuu ti;
dibbe'ee fi kiraara guddichaan
isaaf faarsanuu ti.
4
Mootiin Waan Maraa
kolbaa ifiitiin waan gammaduuf,
worra gad ifi qabu,
akka injifatanu godhee ulfinna kennaaf.
5
Kolbaan isaa,
ulfinna kanaan firinxiixanuu ti;
taqee ifii irralle'etti,
ililleetti'iin faarfatanuu ti.
6
Leellisi Waaqaa afaan isaanii keessa,
shallaagaan qara lamaa,
harka isaanii keessa jiraatuu ti.
7
Gosa biyya adda addaa haluu bayiisaaf,
kolbaa hedduulle adabiisaaf,
8
mootota isaanii wodaroo sibiilaatiin,
qondaaltota isaaniille,
sibiila miilaan hidhanuun hidhiisaaf,
9
muraa barreeffanteertu,
isaan irratti muunmmessiisaaf,
tun kolbaa isaaf addatante maraaf ulfinna.
Mootii Waan Maraa leellisa'a.
Powered by Seed Bible API
expand_more
Search
All books
Old Testament
New Testament
chevron_left
Previous Chapter
Books
search
Search
explore
Discover
share
Share
chevron_right
Next Chapter