Kitaaba Faaru'uu145gax_twf

Leellisa Waaqa Mootichaaf Dhikaate

Faaruu Daawitii.

1Ee Waaqa mootii kiyya,ani si hin saadadha;bara baraa haga bara baraamaqaa keeti hin leellifadha.2Guyyuma guyya'aan si hin leellisa;bara baraa haga bara baraamaqaa keeti hin saadadha.3Mootiin Waan Maraa gudda'a;guddoo leellifamuu male;guddinni isaaqorqoramee bira hin geyamu.
4Dhalooti tokko hujii teetidhaloota itti aanutti jaja;hujii teeti ta maade'ee hin lassa.5Isaan marroo ulfinna keeti arnya qabeessaahin dubbatan;anille marroo hujii teeti ta baasaaitti deddeebi'ee hin yaadadha.6Isaan marroo hunna hujii teetita baasaa hin dubbatan;anille guddinna keeti hin odeessa.7Isaan marroo arjummaa teeti baca'aahin jilifatan;Balchummaa teetiifille ililleetti'iin faarsan.8Mootiin Waan Maraa marara'a; arjaalle'e;aari'iif hin ariifattu;jaalalli isaalle gudda'a.9Mootiin Waan Maraa nama maraaf dansa'a;inni waan ifii dade mara hin marara.
10Ee Mootii Waan Maraa,wonni ati dadde marti si hin leellifatti;kolbaan teeti marti si hin saadatti.11Isaan marroo ulfinna mootummaa teetii,marroo hunna teetii hin dubbatan.12Akka kanaan namooti martihujii teeti ta baasaatii fimootummaa teetiarnya qabeettii ulfinnaa hin beekan.13Mootummaan teetimootummaa bara baraa ti;ati haga bara baraa hin bulchita.14Mootiin Waan Maraaworra jigaaru mara hin utuba;worra jigelle ol kaasa.
15Ilti nama maraa gara keeti ilaalti;atille sagalee isaaniiyennaa maltetti isaanii kennita.16Ati harka keeti diriirsitee,halchaa waan lubbuu qabu maraahin quussita.
17Mootiin Waan Maraakaraa hujii ifii maraan balcha'a;waan huju maraan addatama'a.18Mootiin Waan Maraaworra isa waammatu maraaf,worra dhuga'aan isa waammatu maraafdhikoo jira.19Inni halchaa worra isa sodaatuu hin guuta;iyya isaaniille dhage'ee,isaan hin baasa.20Mootiin Waan Maraaworra isa jaalatu mara hin eega;worra hamaaleyyii ammoo hin balleessa.
21Afaan kiyyaleellisa Mootii Waan Maraa hin dubbata;ka foon uffate martillebara baraa haga bara baraa,maqaa isaa woyyicha hin leellisa.