Kitaaba Faaru'uu140gax_twf

Diinota jalaa Bayiisaaf Daadimata Dhikaate

Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif

1Ee Mootii Waan Maraa,namoota hamaa jalaa na baasi;worra hunnaan nama irratti ka'una irraa eegi.2Isaan waan hantuuqalbii ifii keessatti yaadan;yennaa mara lola kaasan.3Isaan arraba ifiitiinakka dhudhuufa'aa nama iddan;hidhii isaanii jalahadhaa buuti'iititti jira.
4Ee Mootii Waan Maraa,harka worra hama'aa irraa na eegi;worra hunnaan nama irratti ka'u,ka miila kiyya qaxafiisaafmala dhowanu irraa na eegi.5Worri kooru fonxoroo naaf afe;isaan wodaroo caccoo ifii diriirsane;tiyyoo karaa irratti naaf keyane.6Ee Mootii Waan Maraa,ani si'iin, «Ati Waaqa kiyya» jedha;ee Mootii Waan Maraa,iyya tiyya dhage'i.7Ee Mootii Waan Maraa,Goottaa kiyya, jabaa na baachu;ati guyyaa lolaa mataa kiyya golliteerta.8Ee Mootii Waan Maraa,fedhii nama hama'aa hin muummessiniif;mala dhowelle hin milkeessiniif.9Worra na marsee mataa togu,sababi afaan isaaniiisaanuma irratti garagaluu ti.10Kashilli ibiddaa isaan irra bu'uu ti;ibiddatti yookiin,boolla deebi'anee keessaa hin baane,keessatti gatamanuu ti.11Nami maqaa namaa balleessubiyya keessatti hin qubatin!Ka hunnaan nama irratti ka'ullewonni hantuun isa adansituu ti.
12Mootiin Waan Maraahaajaa worra hiyyeeyyi'ii akka fixu,worra rakkata'aafhaqa akka muru ani hin beeka.13Dhugumaan worri balchooleenmaqaa isaa hin leellisan;worri qajeelaan fuula isaa dura hin le'an.