Kitaaba Faaru'uu138gax_twf

Faaruu Galataa

Faaruu Daawitii

1Ee Mootii Waan Maraa,ani gadhaa tokkochaan si galateeffadha;waaqota duratti ani faaru'uun si leellisa.2Ani gara Galma keeti woyyichaafuula galee sagada;jaalala keeti ka bara baraatii fiaddatamummaa keetiifille,maqaa keetii fi jecha keetiwaan mara caalaa waan saaddeef,ani maqaa keeti leellisa.3Yennaa ani si waame,ati deebii naaf kennite;ati na jabeessitee,lubbuun tiyya hunna horatte.
4Ee Mootii Waan Maraa,jecha afaan keetii yennaa dhage'ane,moototi lafaa martinuu si leellisan.5Ulfinni Mootii Waan Maraaguddaa waan te'eef,isaan marroo karaa isaa hin faarfatan.6Mootiin Waan Maraa ol aanaa te'ulle,inni worra gad aanaa hin ilaala;worra kooru ammoo fago'otti beeka.
7Ani rakkinna keessa yoo ideemelle,ati jiruu tiyya hin eedda;ati harka keeti diriirsitee,mufii diinota kiyyaa mormita;harka keeti middichaan na hin baacha.8Mootii Waan Maraa,ati yaada keeti maranaaf hin muummessita;ee Mootii Waan Maraa,jaalalli keeti ka bara baraa ti;hujii harka keetii ati hin lakkisin.