Kitaaba Faaru'uu137gax_twf

Gadda Israa'elootaa Ka Boojuu Keessaa

1Nuuti laga Baabilonii bira teennee,yennaa Xiyoon qaabanne boonne.2Muka olaati'ii irrattikiraarota keenna gugurdaa san fafanninne.3Worri booji'ee nu farrisiisu,achitti faaruu isaan gammachiittuakka faarsinu nu gaafatanee,«Faaruu marroo Xiyoonii keessaatakkattii faarsa'a» jedhane.
4Lafa ormaa keessatti,nuuti attam faaruu Mootii Waan Maraafaarsuu dandeenna ree?5Ee Yerusaalem, yoo ani si dedhe,harki kiyya middichiogummaa ifii dedhuu ti.6Yerusaalem, ani yoo si hin qaabatin,waan itti gammadu marayoo si hin caalchisin,arrabi kiyya laagadaa kiyyatti goguu ti.
7Ee Mootii Waan Maraa,guyyaa Yerusaalem diigante,worri Edoomii, «Diiga'a! Diiga'a!Haga hundee isi'iititti gad jissa'a!»attam akka isaan jedhane qaabadhu.
8Ee Baabilonii diigantu!Waan ati nu irratti goote,ka deebisee si irratti godhu ka gammade.9Ka daa'immaan teeti qabee,rassaa irratti macalaasu ka gammade.