Kitaaba Faaru'uu133gax_twf

Jaalala Kolbaa Waaqaa

Faaruu Daawitii Ta Ittiin Ol Bayanu

1Kolbaan Waaqaatokkumma'aan yennaa woliin leetu,attam attam dansa'a;attam attam nama gammachiisa!2Tokkummaan tunakka zayitii ejersaa ta gatii guddo'oota mataa irraa areeda irra gad yaatu,areeda Aaronii irra,haga handaara woyaa isaa gad yaatuu ti.3Tokkummaan tunakka fixeensa gaara Hermoonii,ka gaarota Xiyoonii irratti bu'uu ti;eebbi jiruu bara baraaachi irratti akka dhaggamuMootiin Waan Maraa ajajeera.