Kitaaba Faaru'uu127gax_twf

Leellisa Arjummaa Waaqaatiif Dhikaate

Faaruu Solomoonii, Ta Ittiin Ol Bayanu

1Mootiin Waan Maraamana yoo hin ijaarin,worri mana ijaaruakkasumaan itti elowan;Mootiin Waan Maraaqachaa yoo hin eegin,eeddoti qacha'aa akkasumaan elowan.2Mootiin Waan Maraaworra jaalatuuf foora waan kennuuf,bari'iin ka'iis,turanee rafiis,bu'aa hin qabu.
3Ijoolleen kennansa Mootii Waan Maraa ti;midhaan gadaamessaa,eebba isaa ti.4Ilmaan dargaggumma'aan uumatanu,akka daaya harka loltootaa keessa jirtuu ti.5Nami ilmaan akka daayaa mana guutategammaduu ti;diinota ifii woliinkarra qacha'aa keessatti yennaa wol falme,inni hin qaanowu.