Kitaaba Faaru'uu120gax_twf

Daadimata Qarqaarsa Dhaggatiisaaf Dhikaate

Faaruu Ittiin ol bayanu

1Rakkinna kiyya keessattiani gara Mootii Waan Maraa iyye;innille deebii naaf kenne.2Ee Mootii Waan Maraa,worra dhara dubbatuu fisoba dubbatu jalaa na baasi.
3Ee isin worra dhara dubbatu,Waaqi maan isin godha laati?Inni attam isin adaba laati?4Daaya loltootaa ka qara qabuun,kashila ibiddaaka muka dhaddachaatiin isin adaba.5Ana ka lafa worra Mesheekiititti galee,dunkaanii worra Qedaarii keessa le'uuf aanne'e!6Worra nageya jibbu san odduu,ani yennaa hedduu le'e.7Ani nama nageyaa ti;yennaa ani marroo nageyaa dubbadhu ammoo,isaan lolaaf ka'an.