Daadimata Qarqaarsa Dhaggatiisaaf Dhikaate
Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii ta meya ribu'uutiin faarfatante.
1Ee Mootii Waan Maraa,nami Waaqa sodaatu waan hin jirreef,nu qarqaar;nami addatamaanilmaan namaa oddu'uu dhabameera.2Tokko tokkoon isaanii dhara wolitti dubbatan;Isaan hidhii kookkisaatiin soba dubbatan.3Mootiin Waan Maraahidhii sossobaatii fi arraba koorameessaa kutuu ti.4Isaan, «Nuuti dubbanneewaan feene hin dhagganna;waan feene hin dubbanna;ka nu dhoogguu dande'u hin jiru» jedhan.5Mootiin Waan Maraa ammoo,«Worri hiyyeeyyiin waan cunqurfameef,worri rakkataan waan iyyuuf,qarqaarsa isaan barbaadanu kenniisaafani hin ka'a» jedha.6Dubbiin Mootii Waan Maraa qullu'u;akka meetii barbada ibiddaatitti baxxeeyennaa torba qulloottee ti.7Ee Mootii Waan Maraa, ati isaan hin gollita;dhaloota hamaa irraa haga bara baraa nu hin eedda.8Yennaa wonni hantuun saadantunami marti waan hantuu jaalata.