Kitaaba Faaru'uu118gax_twf

Faaruu Injifanno'oo

1Inni dansaa waan te'eef,jaalala isaa ka bara baraatiifMootii Waan Maraa galateessa'a.2Kolbaan Israa'elii,«Jaalalli isaa ka bara baraa ti» jettuu ti.3Sanyiin Aaronii,«Jaalalli isaa ka bara baraa ti» jettuu ti.4Worri Mootii Waan Maraa sodaatu,«Jaalalli isaa ka bara baraa ti» jedhuu ti.
5Ani rakkinna kiyya keessattigara Mootii Waan Maraa iyye;innille deebii naa kennee,bilisa na baase.6Mootiin Waan Maraana woliin jira; ani hin sodaadhu;nami maan na godhuu dande'a?7Mootiin Waan Maraana qarqaariisaaf na woliin jira;ani jinnana diinota kiyyaa hin dhagga.8Namatti addatiisaa mannaa,gara Mootii Waan Maraa baqatiisa woyya.9Qondaaltotatti addatiisaa mannaa,gara Mootii Waan Maraa baqatiisa woyya.
10Gosi biyya adda addaa marti na marsane;ani ammoo maqaa Mootii Waan Maraatiinisaan balleesse.11Isaan gara maraan na marsane;ani ammoo maqaa Mootii Waan Maraatiinisaan balleesse.12Isaan akka kinniisaa na marsane;ammoo akka ibidda qore'ee dhaamane;ani maqaa Mootii Waan Maraatiinisaan balleesse.13Ani gara duubaa dhiibamee, jigiisa geye;Mootiin Waan Maraa ammoo na qarqaare.14Mootiin Waan Maraajabeenna kiyyaa fi faaruu tiyya;inni fayyinna kiyya te'eera.
15Qoonqoon gammadaatii fi injifanno'oo,dunkaanii worra balchootaa keessaa,«Harki Mootii Waan Maraa middichihujii jadduu huje;16harki Mootii Waan Maraa middichi ol ka'e;harki Mootii Waan Maraa middichihujii jadduu huje» jettu dhage'ante.
17Ani hin le'a malee, hin du'u;waan Mootiin Waan Maraa hujellehin odeessa.18Mootiin Waan Maraajabeessee na adabeera;ammoo du'aaf dabarsee na hin kennine.
19Akka ani ol seeneeMootii Waan Maraa galateeffadhuuf,balbala balchumma'aa naaf bana'a.
20Tun balbala Mootii Waan Maraa ti;karaa balchooleen seenanu.
21Ati waan naa dhageetteef,fayyinna kiyyalle waan naaf teeteefsi galatteeffadha.
22Dhakaan worri mana ijaaru tuffate,dhakaa dhakaa mara caalaa barbaadamu te'e;23Tun hujii Mootii Waan Maraa ti;isiin ila teennalle'etti waan baasaa ti.24Guyyaan Mootiin Waan Maraa tolche kana;itti gammannee firinxiindhuu ti.25Ee Mootii Waan Maraa nu baasi;ee Mootii Waan Maraa nu milkeessi.
26Maqaa Mootii Waan Maraatiinka dhufu ka eebbifame;nuuti Galma Waaqaa keessaa isin eebbinna.27Mootiin Waan Maraa Waaqa;inni ifa nu'uuf isseera.Dameelee bisilee qabannee, jila bobbaanee,haga gaafota addee ciinca'aa dhandhuu ti.
28Ati Waaqa kiyya; ani si galateeffadha;ati Waaqa kiyya; ani si saadadha.
29Inni dansaa waan te'eef,jaalala isaa ka bara baraatiifMootii Waan Maraa galateessa'a.