1Mootiin Waan Maraa leellifamuu ti;nami Mootii Waan Maraa sodaatu,ka ajaja isaatiin guddoo gammaduka gammade.2Sanyiin isaa lafa san keessattiworra jabaa hin te'an;dhalooti worra qajeela'aa hin eebbifanti.3Manni isaa taajurumma'aa fidurumma'aan hin guutama;balchummaan isaaniillehaga bara baraa hin jiraatti.4Nama arja'aa, nama marara'aa fi,nama balcha'aafille,dukkana keessalle'etti ifi isaaf hin baya.5Nama arjaa, liqaa namaaf kennuwonni dansaan isaaf hin teeti.6Dhugumaan inni ijjumaa hin raafamu;nami balchaan haga bara baraa hin qaabatama.7Inni oduu hantuu hin sodaatu;Mootii Waan Maraatitti waan addatuuf,gadhaan isaa hin mamu.8Gadhaan isaa ijjumaa hin raafamu; hin sodaatu;dhuma irratti jinnana diinota ifii hin dhagga.9Inni arjumma'aan worra hiyyeeyyi'iif kenna;balchummaan isaa haga bara baraa jiraatti.Hunnaa fi ulfinnaan hin saadama.10Nami hamaan tana dhaggee hin aara;inni ilkaan ifii qaree, hin bada;halchaan isaalle ta bu'aa hin qanne teeti.