Kitaaba Faaru'uu
111
/
gax_twf
Leellisa Hujii Maade'ee Mootii Waan Maraatiif Dhikaate
1
Mootii Waan Maraa Leellisa'a!
Kora worra qajeela'aatii fi wolde'a keessatti,
gadhaa tokkochaan
ani Mootii Waan Maraa hin saadadha!
2
Wonni Mootiin Waan Maraa huje guddo'o;
worri hujii guddoo saniin gammadu marti
isii hubatiisa barbaada.
3
Wonni inni huje marti
ulfinnaa fi arnyaan guutanteerti;
balchummaan isaalle
haga bara baraa jabaattee dhaabbatti.
4
Mootiin Waan Maraa
hujii ifii akka qaabatantu godhe;
inni arja'a; mararaalle'e.
5
Inni worra isa sodaatuuf sagalee hin kenna;
haga bara baraa gondooroo ifii hin qaabata.
6
Inni lafa gosa adda addaa isaanii kenniisaan,
hunna ifii kolbaa ifiititti mudhiseera.
7
Hujiin harka isaa marti dhuga'aa fi haqa;
seerri isaa marti addatama'a.
8
Seerri isaa haga bara baraa jabaatee dhaabbatee,
addatamumma'aa fi balchumma'aan hujameera.
9
Inni kolbaa ifiitiif wodoo erge;
gondooroo ifiille haga bara baraa ajaje;
maqaan isaa woyyicha; ka sodaatamelle'e.
10
Qarummaan jalqabaa
Mootii Waan Maraa sodaatiisa;
worri ajaja isaa hordofu hubantii dansaa qaban;
kolbaan haga bara baraa
Mootii Waan Maraa saadatu'uu malte.
Powered by Seed Bible API
expand_more
Search
All books
Old Testament
New Testament
chevron_left
Previous Chapter
Books
search
Search
explore
Discover
share
Share
chevron_right
Next Chapter