Kitaaba Faaru'uu
108
/
gax_twf
Leellisaa fi Daadimata Qarqaarsa Dhaggatiisaaf Dhikaate
Faaruu. Faaruu Daawitii.
1
Ee Waaqa, gadhaan kiyya hin mamu;
ani gadhaa tokkochaan,
meya faaru'uu ka adda addaatiin hin faarfadha!
2
Ee kiraara guddicha, ee maseenqo'o dammaqa'a!
Anille boruu hin dayyaasa.
3
Ee Mootii Waan Maraa,
ani gosa biyya adda addaa oddu'utti si galateeffadha.
Ani gosa biyya adda addaa oddu'utti faaru'uun si leellisa.
4
Jaalalli keeti ka bara baraa guddaa waan te'eef,
akka ol-gubba'aa ol fagaata;
addatamummaan teeti duumensa dhaqqaddi.
5
Ee Waaqa, ol-gubba'aan gubba'atti saadami;
ulfinni keeti lafa duudii irratti te'uu ti.
6
Kolbaan ati jaalatu akka baatu,
hunna teetiin nu baasi;
daadimata keennaafille deebii kenni.
7
Waaqi addee woyyittii ifii keessaa, «Ani injifadhee,
lafa, ‹Sheekem› jedhantu hin hira;
dhooqa Suukootii kolbaa tiyyaaf hin qooda.
8
Latti Giil'aadii tiyya; latti Minaase'eelle tiyya;
Efreem gullee tiyya ta sibiilaa ti;
Yihudaan ulee tiyya ta bokku'uu ti.
9
Mo'aab gabataa kiyya ka itti dhiqataa ti;
Edoom kiyya akka te'e mirkaneessiisaaf,
kophee tiyya irratti hin qolaansa;
Filisxeemota irratti injifanno'oon ilillisa» jedheera.
10
Gara qachaa guddicha dalleya
dhaka'aatiin marfamee eentu na fida ree?
Akka loluuf gara Edoomii eentu na geessa ree?
11
Ee Waaqa, ati nu gatteerta;
loltoota teenna woliin bayiisa lakkitteerta.
12
Qarqaarsi namaa womaa waan nu'uuf hin baneef,
diinota keenna akka lolluuf,
ati nu qarqaar.
13
Qarqaarsa Waaqaatiin hin injifanna;
inni diinota keenna hin salphisa.
Powered by Seed Bible API
expand_more
Search
All books
Old Testament
New Testament
chevron_left
Previous Chapter
Books
search
Search
explore
Discover
share
Share
chevron_right
Next Chapter