Kitaaba Faaru'uu
1
/
gax_twf
Karaa Lama
1
Nami gorsa hamaaleyyi'iitiin hin ideenne,
ka karaa cubbaaleyyi'ii hin hordonne,
ka worra busheeshu woliin tokkummaa hin qanne,
ka gammade.
2
Nami akkasii ammoo
seera Mootii Waan Maraatiin gammada;
halkanii fi guyyaa seeruma isaa yaadata.
3
Inni akka muka laga qarqaratti dhaabamee,
yennaa yenna'aan midhaan buusuu,
ka baalli isaa hin qoorree ti.
Wonni inni huju marti isaaf hin teeti.
4
Hamaaleyyiin ammoo akkasii moti;
isaan akka hicaacee qilleensi haxowee deemuu ti.
5
Tanaaf, hamaaleyyiin muraa jalaa hin bayanu;
cubbaalleyyiille yaa'ii balchootaa keessatti
hin dhaggamanu.
6
Tanaaf, Mootiin Waan Maraa
karaa balchootaa hin beeka;
karaan hamaaleyyi'ii ammoo hin bada.
Powered by Seed Bible API
expand_more
Search
All books
Old Testament
New Testament
chevron_left
Previous Chapter
Books
search
Search
explore
Discover
share
Share
chevron_right
Next Chapter