Kitaaba Fakkeennaa9gax_twf

Qarumma'aa Fi Gowwummaa

1Qarummaan mana ifii ijaarratteerti;isiin utuboota mana ifii torbaboccee dhaabbatteerti.2Isiin horii qaltee,daadhii woyni'ii naxxee,sagaleelle qopheessiteerti.3Qachaa keessa kooba irra dhaabbatanee,akka waamanuuf,isiin dubartoota tajaajiltoota ifii ergitee,4«Nami yaadaan hin bilchaatin martias kowa'aa seena'a!» jetti;worra qalbii hin qannelle'een,5«Kowa'a, sagalee tiyya nyaadha'a;daadhii ani naqelle una'a.6Isin jiru'uun hin jiraattaniitii,karaa gowwumma'aa lakkisa'a;karaa hubanti'ii irra ideema'a» jetti.7Nami murgaamessa gorsu,arraba fudhata;nami nama hamaa xixu qaanii ifitti fida.8Nama murgaamessa yoo gorsite si hin jibba;nama qaroo yoo xixxe si hin jaalata.9Nama qaroo gorsiinni irra caalaa qaroo hin te'a;nama balchaa barsiisi,inni beekkumsa itti hin ede'ata.10Qarummaan jalqabaa Mootii Waan Maraa sodaatiisa;Woyyicha san beekiisi hubantii dhaggatiisa.11Qarummaan bara jiruu teetii hin baceessiti;woggoota jiruu teetii itti sii edeeti.12Qaroo yoo teete,bu'aan isi'ii teetuma;ati yoo murgaamessa teete ifuma miita.13Dubartiin gowwittiin dubbattitti'i;isiin daalle'e;beekkumsa hin qaddu.14Isiin qachaa keessa kooba irra,balbala mana ifii dura barcumaa irra teetti.15Worra karaa san dabaru,ka qajeelee karaa ifii deemu waantee,16«Isin worri yaadaan hin bilchaatin,as gora'a» jetti;worra qalbii hin qannelle'een,17«Bisaan hannaa hin mi'owa;sagaleen dhokaataan nyaatanu,hin kurootti» jetti.18Isaan ammoo worri du'e akka achi jiru,worri isiin waantelle,qilee addee worri du'e jiruu keessaakka jiranu hin beekanu.