Kitaaba Fakkeennaa7gax_twf

1Ilma kiyya, jecha kiyya eegadhu;ajaja kiyya gadhaa keeti keessatti qabadhu.2Akka leetuuf,ajaja kiyya eeggadhu;barsiisa kiyyalleakka gumaa ila teetii eeggadhu.3Akka qube'ee quba keetitti keyadhu;gadhaa keeti keessatti barreeffadhu.4Qarumma'aan, «Ati obboleettii tiyya» jedhi;hubantiille'een, «Ati fira kiyya» jedhii waami.5Isaan dubartii gaarayyeeffattuu,ta jechoota gammachiisuunnama qaxafattu irraa si eegan.

Soba Dubartii Gaarayyeeffattu'uu

6Gaafa tokko ani karaa foddaamana kiyyaatiin ala ilaalee,7worra yaadaan hin bilchaatin keessaa,dargaggoota oddu'uu,dargaggeessa qalbii hin qanne tokko dhagge.8Inni karaa cinaa mana dubartii takkaa geessu gula,gara mana isi'ii ideemiisatti jiraayyu.9Yennaan sun aduun seentee,galgala dimimmisahalkan dukkana keessa.10Achiin duuba dubartittiin gad isatti baate;isiin akka sagaagaltu'uu uffatteenama dokonkorsiisaaf mala qaddiiyyu.11Isiin ta ila gad hin qabanne,mati-jabeetti'i;isiin ijjumaa mana hin teettu.12Takka karaa irra,takka woldeennaa kara'aa irracinaa karaa maraa irradhaabbattee eeggatti.13Isiin isa qaddee,sunqattee, fokkoo malee, isaan,14«Ani kennansa tokkumma'aa qaba;adha waan waadaa gale muummesseera.15Maarre ani si fudhatiisaaf gad baye;ani si dhaggiisaaf dharra'eeruun,kunoo si dhagge.16Ani woyaa quncee talba'aata biyya Gibxi'iititti seefantee hujante,taqee tiyya irra afeera.17Taqee tiyyatti fiqiree, qumbii,dakkaraa fi qurunfudii irraa hujante itti biifeera.18Koy, haga latti bariituttijaalala keenna dheebuu baanaa ti;jaalalaan ifii gammachiinnaa ti.19Dhirsi kiyya mana hin jiru;inni fagoo deemeera.20Inni beesee guddoofudhatee deemeera;haga ji'i goobanuttideebi'ee hin galu» jette.21Isiin jechoota gammachiisuunkaraa irraa isa gorsite;dubbii damma dibiisaanisa dokonkorsite.22Yoosuma inni akka sangaa gara qalamu deemuu,akka gadansagara fonxoro'oo deemuu,isii gula deeme.23Haga daayi tiruu isaa woraanutti,akka sinbirreen kaatee tiyyoo seentu,innille wonni kunlubbuu isaatitti akka dhuttu hin beenne.24Ammalle ilmaan tiyya,na caqasa'a;waan ani jedhulleitti xiyyeeffadha'a.25Gadhaan keessan gara karaa isi'ii hin deebi'in;daandii isi'ii gula ideentaneekaraa irraa hin gorina'a.26Isiin namoota hedduu madeessitee jissiteerti;namoota bindillaalle ijjeetteerti;27Manni isi'ii karaa addee worri du'e jiru,ka gara awwaalaa gad geessu.