Kitaaba Fakkeennaa14gax_twf

1Dubartiin qaroon mana ifii ijaarratti;dubartiin gowwaan ammooharkuma ifiitiin mana ifii diiddi.2Nami karaa qajeelaa ideemuMootii Waan Maraa sodaata;ka karaan isaa micciirama'aa ammoo isa tuffata.3Nama gowwaa dubbuma isaatitti adabbii isatti fida;nama qaroo ammoo afaan isaatitti isa eega.4Lafa qotiyyoon hin jirre gootaraan duwwaa hin te'a;hunna qotiyyo'ootiin ammoomidhaan hin bacata.5Dhugaa bayaan dhugaammessi hin sobu;dhugaa bayaan dharaamessi ammoo dhara dubbata.6Nami murgaamessi qarummaa hin barbaada;garuu hin dhaggatu;worra qalbeeffataa ammoobeekkumsa dhaggatiisi hin dhibu.7Afaan isaa irraabeekkumsa waan hin dhagganneef,nama gowwaa irraa fagaadhu.8Qarummaan nama qalbeeffata'aakaraa irraa akka hin gorre tolchiti;gowwummaan nama gowwa'aaammoo karaa irraa gorsiti.9Gowwooleen ciincaa sababa cubbu'uutiif dhikaatutti murgan;odduu worra qajeela'aa ammoofedhii dansa'atti jira.10Nami martinuugammadaa fi gadda hadhowaa ifii hin beeka;ka isa woliin qoodamu hin jiru.11Manni worra hama'aa hin jiga;qe'een worra qajeela'aa ammoo hin badhatti.12Karaan sirrii namatti fakkaatu jira;muummeen isaa ammoo gara du'aa geessa.13Kolla keessaayyuu gaddi jiraachuu dande'a;gammadi gaddaan muummowuu dande'a.14Nami hamaan gatii hammeenna ifii hin fudhata;nami dansaalle gatii hujii dansaa ifii hin fudhata.15Gowwaan waan mara dhugeeffata;qalbeeffataan ammoo ijjata ifii hin ilaallata.16Nami qaroon waan hantuu sodaatee irraa hin deebi'a;nami gowwaan ammoo ifi hin eegatu;hin ariifatalle'e.17Nami dafee aaru waan gadhee huja;nami mala namatti dhowu hin jibbatama.18Nami hin bilchaatin gowwummaa dhaala;nami qalbeeffataan beekkumsaakka kallachaa keyata.19Worri hamaan worra dansaa duratti,worri cubbaaleyyiinkarra worra balcha'aa duratti gad hin jedhan.20Hiyyeessi ollaa ifiitiinuu hin jibbatama;dureessi ammoo jaalota hedduu qaba.21Nami nama tuffatu cubbaalessa;nami hiyyeessaaf nayu ka gammade.22Worri mala hamaa dhowukaraa irraa goranii motii ree?Worri mala dansaa dhowu ammoo hin jaalataman;hin addatamanille'e.23Jabaatanee hujiis bu'aa qaba;oduu callaa odeessiis ammoogara hiyyumma'aa qofa nama geessiti.24Qananummaan kallacha qaroole'ee ti;gowwummaan ammoo seesa gowwoole'ee ti.25Dhugaa bayaan dhugaammessi jiruu fayyisa;dhugaa bayaan dharaamessi ammoo hin soba.26Nami Mootii Waan Maraa sodaatukushee jadduu qaba;ijoollee isaatiifille addee itti baqattu hin teeti.27Mootii Waan Maraa sodaatiis madda jiru'uu ti;tiyyoo du'aa irraa nama deebisa.28Ulfinni mooti'ii bacinna kolba'aa ti;kolbaan yoo hin jiraatin ammoo inni hin bada.29Nami ossatu hubantii guddoo qaba;nami dafee aaru ammoo gowwummaa mudhisa.30Yaadi nageyaa jiruu nafaaf kenna;hinaaffaan ammoo lafee tortorsa.31Nami hiyyeessa cunqursuka isa dade tuffata;ka hiyyeeyyi'iif nayu ammooWaaqaaf ulfinna kenna.32Nami hamaan hammeenna ifiitiin bada;nami balchaan du'a keessalle'ettiaddee itti baqatu qaba.33Qarummaan gadhaa worra woy hubatuu keessa leeti;isiin gadhaa gowwootaa keessatti ammoo hin beekkantu.34Balchummaan kolbaa ol qaddi;cubbuun ammoo kolbuma mara salphitti.35Mootiin tajaajilaa qaro'otti hin gammada;ka isa fokkisiisutti ammoo hin mufata.