Kitaaba Fakkeennaa12gax_twf
1Nami qajeelfama jaalatu,beekkumsa jaalatta;nami xixicha jibbu ammoo gowwa'a.2Nami dansaan Mootii Waan Maraa birattifudhatama hin dhaggata;worra yaada hama'aa ammooMootiin Waan Maraa itti hin mura.3Nami karaa hama'aan jabaatee dhaabbatuu hin dande'u;balchaan ammoo adde'ee hin tacho'u.4Niitiin qalbeeffattuun dhirsa ifiitiif akka kallachaa ti;ta isa qaanessitu ammooakka dhukkuba lafee nyaatuu ti.5Yaadi worra balcha'aa yaada haqaa ti;gorsi worra hama'aa ammoo nama soba.6Jechi nama hama'aa dhiiga dhangalaasiisa;jechi nama balcha'aa ammoodhiiga dhangalaasiisa jalaa baasa.7Namooti hamaaleyyiin hin badan;deebi'aneelle hin dhaggamanu.Maatiin worra balcha'aa ammoojabaattee dhaabbatti.8Nami akkuma qarummaa ifiititti leellifama;nami qalbii micciirama'aa ammoohin tuffatama.9Nama sagalee nyaatu adoo hin qabaatin,nama guddaa ifi fakkeessuu mannaa,nama ifi gad qabeehojjataa te'ee le'u woyya.10Nami balchaan horii ifiitiif hin marara;nami hamaanammoo yennaa mara gadhaa jabaata.11Nami jabaatee lafa qotu sagalee bacaa hin qabaata;ka waan bu'aa hin qanne ari'u ammoo gowwa'a.12Nami hamaan waan worri hamaan saame kajeela;nami balchaan ammoo horee bacata.13Nami hamaan jechuma hamaa ifiitiin qabama;nami balchaan ammoo rakkinna jalaa hin baya.14Nami waan afaan isaa keessaa bayuunwaan dansaa quufa;akkuma hujii harka ifiititti gatii isaaf malte fudhata.15Nama gowwaa karaan isaa qajeelaa itti fakkaata;nami qaroon ammoo gorsa caqasa.16Aariin nama gowwa'aa yoosuma beekkanti;nami qalbeeffataan ammooarraba tuffatee lakkisa.17Dhugaa bayaan dhugaamessi,dubbii dhuga'aa dhugaa baya;dhugaa bayaan dharaamessi ammoo soba dubbata.18Dubbiin gar-maleenakka shallaaga'aa nama woraanti;arrabi nama qaro'oo ammoo nama fayyisa.19Afaan dhuga'aa haga bara baraa jiraata;arrabi sobaa ammoo yennaa diqqoo qofa jiraata.20Gadhaa worra waan hantuu maluu keessasobatti jira;worri waan nageyaa namatti gorsu ammoohin gammada.21Nama balchaa rakkinni itti hin dhufu;nama hamaa ammoo rakkinni itti bacata.22Mootiin Waan Maraa afaan dhara dubbatu jibba;namoota dhugaammeyyi'itti ammoo hin gammada.23Nami qalbeeffataan beekkumsa ifii dhoffata;namooti gowwaan ammoogowwummaa ifii mudhifatan.24Nami jabaatee hujatu bulchaa hin te'a;nami boosenni ammoogarbicha namaa hin te'a.25Mami gadhaa namaa keessa yoo jiraategad nama qaba;jechi dansaan ammoo nama gammachiisa.26Nami balchaan karaa namaaf akeeka;nami hamaan ammoo karaa irraa nama qaba.27Nami boosenni foon adamo'oon fideeyyuuhin bilcheeffatu;nami jabaatee huju ammoowaan gatii qabu hin dhaggata.28Karaa balchumma'aa irra jiru'utti jira;daandii san irra duuti hin jirtu.