Worra Filiphisiiyuusii4gax_twf

Gorsa Muumme'ee

1Maarre tanaaf, obboleeyyan tiyya ta ani jaaladhuu fi dharra'u, ta gammadaa fi kallacha kiyya teetane, Gootta'aan jabaadha'aa dhaabbadha'a.2Obboleettoti teenna Ewodiya'aa fi Sinxiikeen maqaa Gootta'aatiin gadhaa tokko akka te'anu daadimadha.3Atille waa'elli kiyya addatamaan, dubartoota tana akka qarqaartuuf si kadhadha; dubartooti tun, Kilemensii fi worra dhibii worra maqaan isaanii kitaaba jiru'uu keessatti barreeffame, lansoota tiyya woliin te'anee, Oduu Gammadaa dhaqqassiisiisaaf na woliin jabaatanee hujaneeran.4Yennaa mara Gootta'aan gammada'a! Ittuma deebi'ee jedha, gammada'a!5Qajeelummaan teessan nama mara biratti ta beekkante teetuu ti; Goottaan dhufiisa geyeera.6Maarre daadimataan, gaaffi'ii fi galataan waan mara Waaqatti beessisa'a malee waan tokkolle'eef hin yaadina'a.7Nageenni Waaqaa ka hubantii namaa mara caalu, karaa Yesuus Kiristoosiitiin gadha'aa fi qalbii teessan hin eega.8Muummee irratti obboleeyyan tiyya! Qalbii teessan waan dansa'aa fi waan galateeffachiisuun guuta'a: waan dhugaa te'e, waan ulfinnaa, waan sirrii te'e, waan qulluu te'e, waan gammachiisuu fi waan galata qabu maraa yaadadha'a!9Waan na irraa barattane, waan na irraa fudhattane, waan na irraa dhageettanee fi waan ani hujuun dhaggitane maraa isinille tolcha'a! Waaqi abbaan nageyaa isin woliin hin jiraata.

Phawuloos Kennansa Ergameef Galateeffate

10Yennaa heddu'uun duuba ammalle naaf yaadatuu waan jalqaddaneef, ani Gootta'atti guddoo gammada. Duraanuu dhugumaan naaf yaadataa turtane; huji'iin mudhisiisaaf ammoo daguu hin dhagganne.11Kana jechuun kiyya ani gatameera jechu'uu moti; ani, «Ka qabuu na geya» jechuu baradheera.12Ani waan diqqo'oo fi haga barbaachisuun caalaalle horatiis maan akka te'e beeka; maarre ani dhossaa haala maraa fi addee maratti quufaa fi beelaan, haga naa barbaachisuun gadii fi haga naa barbaachisuun ol qabaatiisalle baradheera.13Hunna Kiristoos naaf kennuun waan mara godhiisaaf hin dande'a.14Te'uu malee rakkinna kiyya waan qoodantaneef, dansaa gootaneertan.15Yennaa ani jalqaba Oduu Gammadaa lallabiisaaf Maqedooniya'aa baye, isin malee wolde'i kiristaanaa tokkolle kenniisaa fi fudhatiisaan na qarqaariisaaf akka hin hirmaatin, isin worri Filiphisiiyuusii hin beettan.16Yennaa ani Tasalonqeelle'etti rakkadhe, itti deddeebitanee qarqaarsa naaf ergitaneertan.17Kenniisaan ittuma eebba akka dhaggattanuuf malee, kennaa teessan dhaggatiisaaf barbaadeetii moti.18Waan naaf barbaachisuu fi haga naaf barbaachisuun caalaalle fudhadheera; kennaa isin naa ergitane harka Ephafrodixosii irraa fudhadhee naa mijootteerti; kennaan teessan tun, akka ciincaa uddaa qabuu, ka Waaqi fudhatuutii fi itti gammaduu ti.19Waaqi kiyyalle durummaa ulfinna ifiitiin, karaa Yesuus Kiristoosiitiin, waan isiniif barbaachisu maraa isiniif hin mijeessa.20Waaqa Abbaa keennaaf ulfinni bara baraa haga bara baraa te'u! Ameen.

Dhaansa Nageyaa

21Kolbaa Waaqaa maratti maqaa Yesuus Kiristoosiitiin nageya naaf hima'a; obboleeyyan asi na woliin jirtulle nageya isiniif dhaanti.22Kolbaa Waaqaa mara, keessattuu worri mana mootii worra Rooma'aa keessa jiru nageya isiniif dhaama.23Badhaadhi Goottaa Yesuus Kiristoosii isin woliin jiraatu.