Kitaaba Nahimiya'aa9gax_twf
Israa'elooti Cubbuu Ifii Faaci'atane
1Ji'uma san gaafa guyyaa diddamii arfeesso'oo Israa'elooti marroo cubbu'uutiif akka gaddane mudhisiisaaf woyaa gaddaa uffatanee, bukuu mataa ifii irratti firfifatanee, laamiisaaf wolitti qabamane.2Worri sanyii Israa'elii te'ane martinuu worra ormaa irraa gargar bayanee dhaabbatanee, cubbuu ifii hujanee fi abbootiin isaanii hujje duudii dhugaa-baasane.3Adduma dhaabbatanetti saatii sadiif kitaaba Seera Mootii Waan Maraa ka Waaqa isaanii, isaaniif dubbifame; akkasuma saatii sadiif cubbuu ifii dhugaa-baasaa Mootii Waan Maraa Waaqa ifiitiif sagadane.4Iyaasuun, Baani, Qadmii'el, Shebaniyaan, Buni, Sherebiiyaan, Baanii fi Kenaan fa'a, yaabbannoo worri Lewwootaa irra bayanu irra dhaabbatanee, qoonqoo guddo'oon gara Mootii Waan Maraa Waaqa ifii daadimatane.5Lewwooti worri Iyaasuu, Qadmii'el, Baani, Hashabniiyaa, Sherebiiyaa, Hodiiyaa, Shebaniyaa fi Fitaahiyaa jedhamanu,«Ka'a'aatii Mootii Waan MaraaWaaqa keessan ka bara baraaleellifadha'a!‹Maqaan keeti ulfaataan,ka galataa fi eebba duudii irra ol aanuleellifamuu ti!› jedha'a!» jedhane.Daadimata Faaci'atiisaa
6Achiin duuba kolbaan Israa'elii,«Ee Mootii Waan Maraa!Mootiin Waan Maraa si qofa.Ol-gubbaa,ol-gubbaa ol-gubbootaalledada isaan keessaa woliin,lafaa fi waan isii irra jiru duudii,abbaaya'aa fiwaan isii keessa jiru duudii sittuu dade.Ati isaan duudi'iifuu jiruu kennite;dadi ol-gubba'aa si'iif sagaddi.7«Ati Mootii Waan Maraa Waaqa Abraam filattee,biyya Kaldootaa Ur keessaa baattee,maqaa isaa ‹Abrahaam› jettee moggaatte.8Akkasuma inni si'iif addatamaa akka te'e dhaggitee,biyya kana'aanotaa,biyya Heetotaa,biyya Amoorotaa,biyya Pheriizotaa,biyya Yibusootaatii fi Girgaashotaaisaa fi sanyii isaatiif kenniisaaf waadaa galte.Ati qajeelaa waan teeteef,waadaa galte isaaf muummessite.9«Biyya Gibxi'iitittirakkinna abbootii teenna dhaqqabe dhaggitee,abbaayaa diintuu birattille iyya isaanii dhageettee,10mootiin Gibxi'ii,qondaaltoti isaatii fi kolbaan lafa isaa irra leetuattam akka kolbaa teeti hucuucane waan beetteef,baasaa fi bilbaasa hujjee itti mudhitte.Tana waan gooteef,gurri keeti haga adhaa ol ka'eera.11Abbaayaa fuula isaanii duratti gargar qooddee,lafa godduu irra akka dabaranu goote.Akka dhakaa abbaayaa qile'etti qolaanfamuu,worra isaan ari'aa turelle qile'etti qolaansite.12Kolbaa teeti ammoo,guyyaa utubaa duumensaatiin,halkanille karaa isaan irra deemanu akka isaaniif issuuf,utubaa ibiddaatiin sooressite.13«Ati ol-gubbaa irraa gara gaara Siina'aa gad buutee,isaanitti dubbattee,seera qajeela'aa fi muraa dhuga'aa,sirnaa fi ajaja dansaa isaaniif kennite.14Sanbata keeti woyyichalle akka beekanu gootee,karaa garbicha keeti Muuse'eetiin,ajaja, sirnaa fi seera keeti isaaniif kennite.15Yennaa beelayanelle ol-gubbaa irraa sagalee isaaniif kennitee,yennaa dheebotanelle rassaa keessaa bisaan isaaniif burqisiitte.Biyya isaanii kenniisaaf waadaa galtettiakka galanuuf isaan ajajje.16«Abbootiin teenna ammoo koortee, mataa jabaattee,ajaja keetiif ajajamuu didde.17Isaan ammoo ajajamuu didanee,bilbaasa ati isaan oddu'utti hujjelle dedhane.Mataa jabaatanee gara garbummaa ifiiGibxi'iititti deebi'iisaaf nama isaan sooressu filatane.Ati ammoo Waaqa jaalala bara baraatiin guutanteertu,ka mufi'iif hin ariifanne,ka araarantu, arja'aa fi mararaa waan teeteefisaan hin lakkinne.18Isaan fakkii jabbi'ii ifiif hujanee,‹Mootiin Waan Maraaka biyya Gibxi'ii keessaa nu baase kana› jedhanee,isaan guddoo si faanshessane.19«Marartiin teeti guddoo waan teeteef,ati ammoo goomolee keessattiisaan hin lakkinne.Utubaan duumensaa guyyaa,utubaan ibiddaa ammoohalkan isaan sooresse.20Akka isaan barsiisuuf,Ayyaana keeti isaanii kennite.Mannaa isaan nyaatanuu fibisaan unanu isaanii kennite.21Ati lafa goomole'ee keessattiwoggaa afurtama isaan qarqaarte.Isaan womaa hin dhanne,woyaan isaanii hin dulloonne,miilli isaaniille hin iitonne.22«Ati mootummootaa figosa biyya adda addaa Israa'eliif kennitee,isaanille biyya sihoonii mootii Heshibooniitii fiOogii mootii Baashaanii qabatane.23Ati ijoollee isaaniiakka urjoota ol-gubba'aa baceessitee,gara biyyaa abbootiin isaanii itti galaneeakka qubatanu waadaa galteetitti isaan galchite.24Ijoolleen isaaniille lafa Kana'aanii injifatanee qabatane;ati kolbaa achi keessa leetumootota isaaniitii fi worra biyya sanii woliinakka fedhane akka isaan godhanuuf,harka isaanii keessa galchite.25Isaan qachoota gugurdaaka dalleya dhaka'aa qabuu fi lafa laattuu,mana meya dadansa'aan guutamane,boolla bisaanii ta qotanteertu,addee woyni'iitii fi muka ejersaa,akkasuma mukoota midhaanii hedduu qabatane.Maarre isaan nyaatanee quufanee gabbatanee,waan dadansaa guddoo ati isaanii kennitetti gammadane.26«Duubarra ammoo ajajama didanee,si finqilanee, Seera keeti irra duubatti deebi'ane.Raagota teeti worra akka isaan gara keeti deebi'anu isaan xixe ijjeesanee,kana godhiisaan guddoo si faanshessane.27Tanaaf harka diinota isaanii,worra isaan rakkisetti dabarsitee isaan kennitee,isaan yennaa rakkatane sitti iyyane;ati ol-gubbaa irraa isaaniif dhageettee,marartii teeti guddo'oon,harka diinota isaanii keessaa worra isaan baasusooreyyii isaaniif kennite.28«Isaan foora dhaggataneen duuba ammoo,deebi'anee si duratti hantuu hujanee,atille harka diinota ol aantumma'aan bulchuttiisaan lakkitte.Te'uu malee yennaa isaan deebi'anee sitti iyyane,ati ol-gubbaa irraa isaaniif dhageettee,marartii teeti guddo'oon,yennaa hedduu isaan baache.29«Gara Seera keetii akka deebi'anuuf,ati isaan gorsiteerta.Isaan kooranee seera keeti didane;waan si duratti sirrii te'eka nami eegatee ittiin le'u irratti ka'aneecubbuu hujane.Mataa jabaatanee dudda sitti galaneemorma jabeeffatanee,dhage'iisa didane.30Ati bara hedduu isaaniif ossattee,karaa raagota teetiitiinAyyaana keetiitiin isaan gorsite;te'uu malee isaan si hin dhageenne.Tanaaf ati kolbaa ollaa isaaniitittidabarsitee isaan kennite.31Ammalle atiWaaqa marartii guddoo qabu waan teeteef,isaan hin ganne yookiinhin balleessine.Ati Waaqa marara'a;arjaalle'e.32«Tanaaf amma, Waaqa keenna,ati gudda'a!Ati attam hunnaamessaa fi sodaatama'a!Ati Gondooro'oo fi jaalala keetika bara baraa ka eeddu!Rakkinna bara mootota Asooriitii jalqabeehaga adhaalle nu irra, mootota teenna irra,qondaaltota teenna irra,hayyoota teenna irra,raagota teenna irra,abbootii teennaa fikolbaa teeti mara irra geye qaabadhu!33Waan nu irra geye maraafati dhugaa qadda;nuuti yakkaameyyii teenulle,ati addatama'a.34Moototi teenna,qondaaltoti teenna,hayyooti teennaa fiabbootiin teennaSeera keeti hin eeganne.Yookiin ajaja keetii figorsa keeti hin qalbeeffanne.35Isaan mootummaa ifii keessatti,lafa badho'oo fi laattuuati isaaniif kennite keessa,yennaa turaneeyyuu siif hin tajaajille;cubbuu ifii irraa hin deebine.36«Kunoo, nuuti adhalafa abbootiin teenna midhaan isi'iitii fiwaan dansaa isiin baachu akka nyaatanuuf,ati isaaniif kennite keessatti garboota teene.37Sababa cubbuu teennaatiif,wonni hedduun latti kennitu,mootota worra ati nu irratti mootonsiteef galti;Isaan nu'uu fi horii keenna irrattiakka jaalatane godhan.Nuuti rakkinna guddaa keessa jirra.Kolbaan Wolii Galtee Mallatteessite
38«Sababa waan te'e san maraa, nuuti barreeffamaan wolii galtee tokko goona; qondaaltoti teenna, Lewwooti teennaa fi hayyooti teenna chaappaa itti godhan» jedhane.No translations available.