Kitaaba Nahimiya'aa6gax_twf

Nahimiya'atti Mala Dhowane

1Karra dalleyaatitti cufanaa godhuu dhabulle, addeen duwwaan adoo hin hafin dalleya deebisee akka ani ijaare Sanbalaax, Xobiiya'aa fi Geshemiin Arabichi, diinoti keenna worri kuunille yennaa dhage'ane,2Sanbalaaxii fi Geshem nama natti erganee, «Koyiitii olloota diida Onoo jedhamutti dhaggamu keessaa tokkochatti wol dhagginaa» jedhane. Isaan ammoo na miidhiisaaf yaadatane.3Maarre anille ergantoota isaanitti ergee, «Ani hujii guddoo waan hujiisatti jiruuf, gad dhufuu hin dande'u; haga ani dhiisee gara keessan gad dhufutti, hujiin maaf dhaabbatti ree?» jedheen.4Isaan yennaa afur erguma tana natti ergane; anille deebuma tana isaaniif deebise.5Sanbalaax tajaajiltoota ifii keessaa tokkotti xalayaa banaa chaappaa hin qanne kennee, erguma durii san itti himee, yennaa shaneesso'oo gara kiyya erge.6Wonni xalayaa san keessatti barreeffameeru, «Atii fi Yihudooti mootummaa irratti ka'iisaaf yaaddanee dalleya deebittanee ijaariisatti akka jirtanu, gosa kolbaa adaala kana jirtu oddu'utti odeeffameera; dubbiin tun dhugaa te'uu isi'ii Geshem natti himeera; akka odeeffama kanaatitti ati mootii isaanii te'iisaaf halchita.7Ati mootii Yihudootaa akka teete Yerusaalem keessatti raagota si'iif lassanu kaafatteerta; maarre dubbiin tun mooticha bira waan geettuuf, anii fi ati woliin mari'annaa koy!» jedha.8Ani ammoo, «Dubbiin tun waan ati ifi keessaa fuutee dubbatte; wonni ati jettu tokkolle dhuga'aa moti» jedhee isaaf deebise.9Isaan, nu'uun, «Harki isaanii irraa bu'ee hujii dadhaban; hujiille adoo hin fixamin hafu'uu jirti» jedhanee yaadaa, marti isaanii nu sodaachisuu barbaadane; ani ammoo, «Ee, Waaqa hunna na jabeessi!» jedhee daadimadhe.10Gaafa tokko ani gara mana Shemaa'iyaa ilma Dalaa'iyaa akaakoo Mahexaabelii ka manni itti cufameeruu dhaqe; innille, «Namooti halkaniin si ijjeesiisaaf waan dhufaaranuuf, anii fi ati dhandhee Galma Waaqaa keessatti, balbala cufannee dhokannuu ti» naan jedhe.11Ani ammoo, «Ani nama baqatee dhokatuu? Yookiin nami akka kiyyaa jiruu ifii fayyifatiisaaf Galma Waaqaa keessatti hin dhokataa? Ani Galma Waaqaa keessatti hin dhokadhu!» jedhe.12Sanbalaaxii fi Xobiiya'atti, namichi kun akka na irratti raaga dubbattuuf beese'een bitane malee, Waaqi akka isa hin ergin hubadhe.13Ani sodaadhee waan kana godhiisaan cubbuu akka hujuuf, maqaa badaa ittiin na fokkisiisanu akka ani qabaadhuuf inni natti bitame.14Anille, «Ee, Waaqa kiyya, Xobiiya'aa fi Sanbalaax fa'a akkasuma No'aadiiyaa raagittii, raagota worra dhibii ka na sodaachisane akka hujii isaaniititti ilaali!» jedhee daadimadhe.

Ijaarsi Dalleyaa Fixame

15Ijaarsi dalleyaa guyyaa shantamii lama keessatti ji'a Elul jedhamu keessa gaafa guyyaa diddamii shanii fixame.16Diinoti keenna gosi adda addaa ta adaala keennaa marti waan kana yennaa dhage'ane, hujiin tun qarqaarsa Waaqaatiin akka hujante hubatanee, qaanowanee sodaatane.17Yennaa san qondaallan biyya Yihuda'aa xalayaa hedduu gara Xobiiya'aa erganee, Xobiiyaalle deebii isaanii deebise.18Sababille Xobiiyaan intala Shekaaniyaa ilma Araa waan fuudheeruuf, akkasuma ilmi isaa Yehohaanaan intala Meshulaamii ilma Berekiiyaa waan fuudheeruuf, Yihudoota keessaa namooti hedduun isaaf kakataneeran.19Itti dabalaneelle hujii isaa dansaa natti himaa, waan ani dubbadhulle isatti himaa turane; Xobiiyaalle na sodaachisiisaaf xalayaa natti ergaa ture.