Nahimiyaan Worra Hujii Isa moromu Injifate
1Nuuti Yihudooti dalleya deebinnee ijaariisa akka jalqanne Sanbalaax yennaa dhage'e, aaree guddoo mufatee, nutti murge.2Inni jaalota ifiitii fi loltoota Samaariya'aa duratti, «Yihudooti dadhabooti tun maan hujiisatti jiran? Isaan dalleya deebisanee hin ijaaranii? Isaan ciincaa dhikeessaaranii? Isaan guyyuma tokkotti hujanee fixaaranii? Isaan dhakaa gubatee caccabee tuulame kanaan akkuma inni jirutti deebisanee ittiin ijaaruu hin dande'anii?» jedhe.3Xobiiyaan Amoontichi ka isa bira jiru, «Dalleya dhaka'aa ka isaan ijaariisatti jiranu san, jeedalti takka adoo irra baate caccassitee jissiisa dandeetti!» jedhe.4Ani Nahimiyaan, «Ee Waaqa keenna! Nuuti waan tuffatanneef nuu dhage'i; arraba isaanii matuma isaaniititti deebis; akka isaan saamamanuuf, biyya ormaatitti dabarsii isaan kenni.5Isaan nu worra ijaaru waan arrassaneef, yakkaa isaanii hin dhossin; cubbuu isaaniille fuula keeti duraa akka baddu hin godhin» jedhee daadimadhe.6Maarre kolbaan hujiisaaf dharraa waan qadduuf, nuuti dalleya deebinnee ijaarree, haga dheerinna dalleyaa geessisiisaaf wodhakkeessinee, dalleya mara wol geessinne.7Sanbalaaxii fi Xobiiyaan, worri Arabaatii fi worri Amoonii, worri Ashidoodiille akka nuuti dalleya Yerusaalemii deebinnee, akka dansaa ijaariisatti jirruu fi addee duwwaalle akka duuchine yennaa dhage'ane, isaan guddoo aaranee,8isaan martinuu gara Yerusaalemii dhufanee, loliisaa fi jeeqiisaaf wolitti qabamanee mala dhowane.9Nuuti ammoo gara Waaqa keennaa daadimannee, isaan ifi irraa dhooggatiisaaf eeddota halkanii fi guyyaa eeganu godhane.10Yoos kolbaan Yihuda'aa, «Nuuti ba'aa ba'atiisa waan dadhanneef, caccabaan woyiille guddoo waan bacateef, nuuti dalleya ijaariisa hin dandeennu» jedhane.11Diinoti keenna, «Adoo isaan hin beekin yookiin adoo isaan womaa hin dhaggin, nuuti dursinee isaanitti dhunnee isaan ijjeennee, hujii isaanii dhaabbachiinna» jedhane.12Yihudooti worri adaala diinota keennaa le'anu, diinoti keenna addee maraa dhufanee nu loliisaaf, mala nutti dhowane yennaa hedduu nutti himane.13Tanaaf ani namoota dalleya duubaan addee ijaarsi hin fixamin, shallaagaa, ebo'oo fi guubee qabachiisee, maatii maati'iin kushee qabachiise.14Ani akka kolbaan sodaatte dhaggee, kolba'aa fi sooreyyii isaaniitiin, qondaalotalle'een, «Diinota keessan hin sodaatina'a. Waaqi guddaan sodaatamaan, worra keessaniif, ijoollee teessaniif, haadhotii manaa teessaniif, maatii teessaniif akka isiniif lolu qaabadha'a» jedheen.15Diinoti keenna mala isaanii akka nuuti beenne dhage'anee, Waaqille yaada isaanii akka hongeesse yennaa hubatane, nuuti martinuu gara dalleya deebinnee ijaariisaa dachaane.16Guyyaa san irraa jalqabee, namoota kiyya keessaa gamisi isaanii hujii ijaarsaa hujane; gamisi isaaniille eboo, wontee, guube'ee fi meya lolaa hidhatanee eeddoo dhaabbatane. Sooreyyiin teennalle kolba'aaf qarqaarsa guutuu kennituun,17kolbaan dalleya deebittee ijaartiiyyu. Worri waan dalleya ittiin ijaaranu ba'atuuyyuu, harka tokkoon hujii hujaa, harka kaaniin meya woraanaa qabatanee diina ifi irraa dhooggatiisaaf qophowaneeraniiyyu.18Worri dalleya ijaaru marti yennaa dalleya ijaaru, shallaagaa ifii hidhatti hidhatee ijaaraayyu. Namichi tultullaa afuufu na biraa hin gorre.19Ani kolba'aan, sooreyyi'ii fi qondaaltota isaaniitiin, «Hujiin hujii guddo'oo fi badhoo waan teeteef, nuuti dalleya irra wol irraa faffagaanneerra.20Qoonqoo tultullaa yoo dhageettane, gara keenna birmadha'a. Waaqi keenna nu'uuf hin lola» jedheen.21Maarre guyyuma guyya'aan, dayya'a boru'uutii haga halkan urjiin bayutti namoota keenna keessaa gamisi dalleya ijaaraa, gamisi eboo qabatanee eegaaraniiyyu.22Anille yennaa san kolba'aan, «Halkan eegaa, guyyaa akka nuuf hujanu namooti martinuu tajaajiltoota ifii woliin qachaa Yerusaalemii keessa bulanuu ti» jedheen.23Maarre anille yookiin worri kiyyalle yookiin tajaajiltooti tiyyalle yookiin namooti eeddoo na gula deemanulle nami tokkolle woyaa teenna ifi irraa hin baafanne. Yennaa bisaan dhaquuyyuu nami tokkolle meya ifii ka woraanaa harka middicha irraa lafa hin keenne.