Kitaaba Nahimiya'aa3gax_twf

Deebi'ee Ijaaramiisa Dalleya Yerusaalemii

1Achiin duuba hayyichi guddaan Eliyaashiibii fi hayyooti isa woliin hujanu «Karra hoolotaa» ta jedhantu deebisanee ijaaranee, Waaqaaf adda baasanee cufanaa itti naqane; isaan haga xelleephoo dhaka'aa «Dhibba» jedhantuu fi haga xelleephoo Hanaani'eliititti Waaqaaf adda baasane.2Namooti Yeriko'oo ka itti aanu ijaarane. Zakuriin ilmi Iimriille ka itti aanu ijaare.3Ilmaan Hasenaa «Karra qurxummi'ii» ta jedhantu ijaarane; karra saniif utubaa dhaabanee, cufanaa itti hujanee, danqaraa itti hujane.4Ilmi Uriiya'aa Meremoot, akaakoon Haqosii ka itti aanu deebisee ijaare. Ilmi Berekiiya'aa Meshulaam, akaakoon Meshezaabi'elii ka itti aanu deebisee ijaare. Zaadoq ilmi Ba'ana'aa ka itti aanu deebisee ijaare.5Worri Teqo'aa ka itti aanu deebisee ijaare; sooreyyiin isaanii ammoo, itti gaafattantoota huji'iitiif ajajamanee hujiisa didane.6Ilmi Phaasehaatii Yoyaada'aa fi ilmi Besodeya'aa Meshulaam karra dullattii deebisanee ijaarane. Isaan karra saniif utubaa dhaabanee, cufanaa itti hujanee, danqaraa itti hujane.7Melaaxiiyaan Giibe'ontichi, Yaadon Merontichi akkasuma worri Giibe'oniitii fi worri Miispha'aa haga addee teessoo bulchaa lafa laga Efraaxiisii irraa gara aduun seentuu, ka itti aanu deebisanee ijaarane.8Ilmi Haarhaya'aa Uzii'el ka worqii tumu, ka itti aanu deebisee ijaare. Hanaaniyaan fiqiree tolchu, ka itti aanu deebisee ijaare. Isaan haga addee, «Dalleya badhaa» jedhantuu Yerusaalem deebisanee ijaarane.9Ilmi Huurii Refaayaan, ka gamisa aanaa Yerusaalemii bulchaa ture, ka itti aanu deebisee ijaare.10Ilmi Harumaafii Yedaa'iyaan mana ifii biraan, ka itti aanu deebisee ijaare; ilmi Hashabniiya'aa Haxushi, ka itti aanu deebisee ijaare.11Ilmi Haariimii Malkiiya'aa fi ilmi Phaahat-Mo'aabii Hashub kutaa dhibi'ii fi «Xelleephoo addee ibiddaa» jedhantu deebisanee ijaarane.12Ilmi Haloheshii Shaalum, ka gamisa aanaa Yerusaalemii dhibii bulchuu fi durri isaa, ka itti aanu deebisanee ijaarane.13«Karra dhooqaa» ta jedhantu, Hanuunii fi worra Zaano'aatitti deebisee ijaare; isaan haga karra, «Karra kosi'ii» jedhantuutitti meetira 440 deebisanee ijaaranee, cufanaa itti hujanee, danqaraa itti hujane.14Ilmi Rekaabii Malkiiyaan, bulchaan aanaa Bet-Hakeremii karra, «Karra kosi'ii» jedhantu deebisee ijaaree, cufanaa itti hujee, danqaraa itti huje.15Ilmi Kolhozee Shaalum, bulchaan aanaa Miispha'aa karra, «Karra maddaa» jedhantu deebisee ijaaree, gosee itti ijaaree, cufanaa itti hujee, danqaraa itti huje; inni dalleya baleessa shela'aa ka fichaa mootichaatitti aanu irraa, haga sadarkaa qachaa guddicha Daawitii ka irii gadi buusuutitti deebisee ijaare.16Ilmi Azbukii Nahimiyaan ka gamisa aanaa Bet-Zuurii bulchaa ture, irreensa Daawitii fuula duraa kaasee haga baleessa nami hujeetii fi haga mana worra jannootaatitti, ka itti aanu deebisee ijaare.

Lewwoota Worra Dalleya Ijaare

17Worri Lewwootaa, ilma Banii Rehuumiin sooreffamanee dalleya itti aanu deebisanee ijaarane. Hashabiiyaan bulchaan gamisa aanaa Qeyila'aa, qooda aanaa ifii ka itti aanu deebisee ijaare.18Ilmi Henaadaadii Biinuyi, ka gamisa aanaa Qeyila'aa dhibii bulchu, ka itti aanu ijaare.19Ilmi Yeshu'aa Ezer, ka Miisphaa bulchu, mana meya lolaa keyatanu fuula duraa jalqabee, haga addee dalleenni dhaqee itti dabuu, ka itti aanu deebisee ijaare.20Ilmi Zaabayii Baaruki, addee dalleenni dhaqee itti dabu irraa kaasee, haga seensuma mana hayyicha guddaa Eliyaashiibii, ka itti aanu deebisee ijaare.21Ilmi Uriiya'aa Meremoot, akaakoon Haqosii balbala mana Eliyaashiibii irraa kaasee, haga dhuma mana isaatitti deebisee ijaare.

Hayyoota Dalleya Ijaarte

22Hayyooti adaala Yerusaalemii le'anu, dalleya itti aanu deebisanee ijaarane.23Beeniyaaminii fi Hashub mana ifiitiin dura ka itti aanu deebisanee ijaarane; ilmi Ma'aseya'aa Azaariyaan, akaakoon Anaaniiyaa'aa ka cinaa mana ifii deebisee ijaare.24Ilmi Henaadaadii Biinuyi dhuma mana Azaariya'aatii kaasee haga dalleenni dhaqee itti dabu, ka itti aanu deebisee ijaare.25Ilmi Uzaayii Phaalal addee dalleenni dhaqee itti dabuu fi xelleephoo eeddoo mana mootumma'aa ka gatiitti'ii biraa jalqabee, ka itti aanu deebisee ijaare; itti aansee ilmi Phaaroshii Phedaaya'aa26fi tajaajiltooti Galma Waaqaa worri gaara Ofeelii gubbaa le'u haga fuula dura karra, «Karra bisaanii» jedhantu, ta gara aduun baatuutii fi haga fuul dura xelleephoo eeddo'ootitti, ka itti aanu deebisanee ijaarane.27Worri Teqo'aatii xelleephoo eeddo'oo guddittii fuula duraa kaasee, haga dalleya Ofeelii, ka itti aanu deebisee ijaare.28Worri hayyootaa tokko tokkonuu mana ifii fuul duraan karra, «Karra fardaa» jedhantuun gara kaabaatiin, ka itti aanu deebisanee ijaarane.29Ilmi Iimerii Zaadoq mana ifii duraan deebisee ijaare; ilmi Shekaaniya'aa Shemaa'iyaan, ka karra gara aduun baatuu eegu, ka itti aanu deebisee ijaare.30Ilmi Shelemiiya'aa Hanaaniya'aa fi ilmi Zalfa'aa ka jayeesso'oo Hanuun, qooda ifii ka lammeesso'oo, ka itti aanu deebisanee ijaarane. Ilmi Berekiiya'aa Meshulaam mana ifii duraan, ka itti aanu deebisee ijaare.31Namichi worqii tumu Malkiiyaan haga mana tajaajiltoota Galma Waaqaatii fi mana daldaltootaa ka fuul dura karra, «Karra eeddo'oo» jedhantuu fi kutaa manaa ta addee dalleenni dhaqee itti dabuun gubba'aa, ka itti aanu deebisee ijaare.32Worri worqii tumuu fi daldaltooti, wodhakkaa kutaa manaa, ta addee dalleenni dhaqee itti dabuu fi karra hoole'ee jirtu deebisanee ijaarane.