Kitaaba Nahimiya'aa11gax_twf

Kolbaa Yerusaalem Keessa Leete

1Bulchitooti kolba'aa qachaa Yerusaalemii keessa le'ane; kolbaan worri hafane hixaa buufatanee maatii kudhan kudhan keessaa tokko qachaa guddaa woyyicha Yerusaalem keessa le'iisaaf filatamanee, worri hafe ammoo qachoota dhibii keessa le'ane.2Kolbaalle namoota worra fedha ifiitiin Yerusaalem keessa le'iisaaf ifi kennane mara eebbiche.3Kolbaan Israa'elii gariin, hayyooti, Lewwooti, tajaajiltooti Galma Waaqaatii fi sanyiin tajaajiltoota Solomoonii qachoota lafa Yihuda'aa keessa jiranu lafuma ifii keessa qachaa ifii keessa le'ane.4Sanyii Yihuda'aatii fi sanyii Beniyaaminii keessalle'ee gariin Yerusaalem keessa le'ane. Sanyiin Yihuda'aa: Atayaa ilma Uziya'aa, akaakoo Zakaariyaasii ti. Sanyiin isaa Amaariyaa, shefaaxiya'aa fi Mahalalelii sanyii Faaresiille dabalata.5Akkasuma Ma'aseyaa ilma Baarukii, akaakoo Kolhozee ti. Sanyiin isaa ta dhibiin Shelaa Hazaayaa, Adaayaa, Yoyaariib fi Zakaariyaas.6Sanyiin Faaresii worri Yerusaalem keessa le'ane, loltooti beekkamane, namoota dhibba afurii fi jaatamii saddeeti.7Sanyii Beniyaaminii keessaa: Sa'aaluu ilma Meshulaamii, akaakoo Yo'edii ti. Sanyiin isaa ta dhibiin Fedaayaa, Qolaayaa, Ma'aseyaa, Itii'el, Yeshaa'iya'a.8Beniyaaminitti aananee, Gabaayii fi Silaayi, wolumatti sanyiin Beniyaaminii dhibba sagalii fi diddamii saddeetitti Yerusaalem keessa le'e.9Yo'el ilmi Ziikrii toowataa isaanii ti; Yihudaan ilmi Hasenu'aa qachaa irratti itti aanaa toowataa qacha'aa ti.10Hayyoota keessaa: Yedaa'iyaa ilma Yoyaariibiitii fi Yaakiin.11Seraayaan ilma Hilqiiya'aa, akaakoo Meshulaamii ti. Sanyiin isaa Zaadoq, Meraayootii fi ka dur Galma Waaqaa keessatti hayyicha guddaa te'eeru Ahiixub fa'a.12Sanyiin Seraaya'aa worri Galma Waaqaa keessa tajaajilane wolumatti namoota dhibba saddeetii fi diddamii lama. Isaanille Adaayaa ilma Yerohaamii, akaakoo Felaaliya'aa ti. Sanyiin isaa Amzii, Zakaariyaas, Fash-Hurii fi Milkiiyaa fa'a.13Sanyiin Adiya'aa, abbootiin firaa dhibba lamaa fi afurtamii lama. Isaanille Amash-saayii ilma Azaari'elii akaakoo Ahazaayii ti. Sanyiin isaa Mashilemootii fi Iimer fa'a.14Sanyiin isaanii loltooti beekkamane dhibba tokkoo fi diddamii saddeeti. Toowataan isaanii Zabdii'elii ilma Hagdoolimii ti.15Lewwoota keessaa: Shemaayaa ilma Hashubii akaakoo Azriiqaamii ti. Sanyiin isaa Hashabiya'aa fi Buni fa'a.16Shabetaayii fi Yozaabaad, bulchitoota Lewwootaa, ta hujii Galma Waaqaatiin alaa ti.17Mataaniiyaa ilma Miika'aa, akaakoo Zabdii, sanyii Asaafii, ka daadimata leellisaa faaru'uun faarfattoota Galma Waaqaa sooresse. Gargaaraan isaa Baqbuqiiyaa; Abdaan ilma shamu'aa, akaakoo Gaalaalii sanyii Yedutuu ti.18Wolumatti Lewwoota dhibba lamaa fi saddeettamii afuritti qachaa Yerusaalemii woyyicha keessa le'e.19Eeddoti Galma Waaqaa: Aquub, Xalmoonii fi firoottan isaanii wolumatti dhibba tokkoo fi torbaatamii lama.20Kolbaan Israa'elii ta dhibiin, hayyootaa fi Lewwooti worri hafane, qachoota Yihuda'aa keessa lafuma ifii keessa qachoota Yihuda'aa dhibii keessa le'ane.21Tajaajiltooti ammoo Galma Waaqaa gaara Ofeelii gubbaa le'ane; Ziihaa fi Gishiphaan toowattoota isaanii ti.22Toowataan Lewwootaa ka Yerusaalem keessa le'e Uzii ilmi Bunii, akaakoo Hashabiiya'aa ti. Sanyiin isaa Mataaniiya'aa fi Miikaa sanyii Asaafii, worra dur itti gaafatantoota faarfannaa Galma Waaqaa keessaa te'ee ti.23Dabareen guyyaa guyya'atti worra faarfattootaatiif kennamuu male akka kennamuuf, mooticha biraa ajaji bayeeru jiraayyu.24Sanyii Yihuda'aa ka te'e, sanyii Zera'aa, ilmi Meshezaabi'elii Fetaahiyaan mooticha biratti bakka bu'aa Israa'elii ti.

Kolbaa Ollootaa Fi Qachaa Yerusaalemiitiin Alaa keessa Leetu

25Kolbaan Yihuda'aa gariin qachoota asii gadii ka fichaa isaaniitiin cina'aa: qachaa Kiriyaat-Arabaatii fi olloota isaa keessa, qachaa Dhiibooniitii fi olloota isaa keessa, qachaa Yiqaabzii'eliitii fi olloota isaa keessa.26Akkasuma qachaa Yeshu'aa, qachaa Molaada'aa, qachaa Bet-Phaalexii,27qachaa Hazarshu'aalii, qachaa Bersheeba'aatii fi olloota isaa keessa,28qachaa Siiqlaagii keessa, qachaa Mekona'aatii fi olloota isaa keessa,29qachaa En-Rimoon keessa, qachaa Zaarii'a'aa keessa, qachaa Yarmuutii keessa,30qachaa Zaano'a'aa keessa, qachaa Adunaamiitii fi olloota isaa keessa, qachaa Laakiishiitii fi fichaa cinaa isaa keessa, qachaa Aazeqa'aatii fi olloota isaa keessa le'ane. Maarre isaan biyya Bersheeba'aatii haga dhooqa Hiinomiititti qubatane.31Sanyiin Beniyaaminii ka Geba'aa dhufane, qachaa Makma'aa keessa, qachaa Ayyaatii keessa, qachaa Bet'eliitii fi olloota cinaa isaa keessa,32qachaa Anaatotii keessa, qachaa Nobii keessa, qachaa Anaaniiyaa'aa keessa,33qachaa Hazoorii keessa, qachaa Raama'aa keessa, qachaa Giitaayimii keessa,34qachaa Haadiidii keessa, qachaa Zebo'iimii keessa, qachaa Nebaalaaxii keessa,35qachaa Lodiitii fi Onoo keessa, dhooqa namoota hujii harkaa hujuu keessalle qubatanee le'ane.36Lewwooti dur lafa Yihuda'aa keessa le'anu gariin lafa kolbaa Beniyaaminii keessa qubatane.