Kitaaba Nahimiya'aa10gax_twf
1Worri wolii galtee mallatteesse kanatti aananee jiran;Nahimiyaa ilma Hakaaliya'aa ka biyya bulchu, Xidiiqiiyaa,2Seraayaa, Azaariyaa, Ermiyaas,3Phashihur, Amaariyaa, Malkiiyaa,4Haxushi, Shebaniyaa, Maluuk,5Hariim, Meremoot, Obaadiyaa,6Daani'el, Ginetoon, Baaruk,7Meshulaam, Abiiyaa, Miyaamin,8Maaziyaa, Biilgaayii fi Shemaa'iya'a; isaan kun worra hayyootaa ti.9Worra Lewwootaa keessaa ammoo, Iyaasuu ilma Azaaniya'aa, ilmaan Henaadaadii keessaa ammoo Biinuyi, Qadmii'elii fi,10firoottan isaanii, Shebaniyaa, Hodiiyaa, Qaliixaa, Pheelaayaa, Haanaan,11Miikaa, Rehoob, Hashabiiyaa,12Zaakur, Sherebiiyaa, Shebaniyaa,13Hodiiyaa, Baanii fi Beniinu.14Sooreyyii kolba'aa keessaa ammoo, Phaarosh, Phaahati-Mo'aab, Elaam, Zaatuu, Baanii,15Buni, Azigaad, Bebaayi,16Adoniyaa, Biigwaayi, Aadiin,17Ater, Hisqiyaa, Azur,18Hodiiyaa, Hashum, Bezaayi,19Hariif, Anaatoti, Nebaayi,20Maagphiyaashi, Meshulaan, Heziir,21Meshezaabi'el, Zaadoq, Yaaduwaa,22Phelaatiyaa, Haanaan, Anaayaa,23Hoshe'aa, Hanaaniyaa, Hashub,24Haloheshi, Philhaa, Shobeq,25Rehuum, Hashabnaa, Ma'aseyaa,26Ahiiyaa, Haanaan, Aanaan,27Maluuk, Haariimii fi Ba'ana'a.28Namoottaan worra hafane keessaa ammoo, Hayyooti, Lewwooti, worri karra eegu, faarfattooti, tajaajiltooti Galma Waaqaa, akkasuma worra Seera Waaqaatiif jedhanee kolbaa adaala san jirtu keessaa addaan ifi baasane maraa, dubartoota isaanii, ilmaan isaaniitii fi ijoollee durraa isaanii worra beekkumsaa fi hubantii qabu mara woliin,29firoottan isaanii, qondaaltota isaanii wolitti dabalamanee, seera Waaqaa ka harka Muusee garbicha Waaqaatiin kenname gula deemiisaaf, ajaja, seerata fi sirna Mootii Waan Maraa Goottaa keennaa maraayyuu eegiisaaf, yoo yakkane abaaramiisaaf kakatane.30Nuuti ijoollee durraa teenna namoota biyya sanii akka hin heerumsiinne, ijoollee durraa ta isaaniille ilmaan teenna akka hin fuusinne kakanne.31Namooti biyya sanii meya daldalaa yookiin midhaan gurguriisaaf, gaafa Sanbataa yoo fidane, gaafa Sanbataa yookiin guyyaa jilaa dhibiille, nuuti isaan irraa hin binnu. Woggaa torbeesso'ootitti fichaa bulchinee foorfachiinna; liqaa maralle hin lakkinna.32Nuuti tokko tokkoon keenna wogguma wogga'aan tajaajila mana Waaqa keennaatiif, sheeqeliiharka sad keessaa tokko baasuu ifitti murre.33Kunille daabboo Waaqaaf kennantuuf, kennaa midhaanii ka guyyaa guyya'aan dhikaatuuf, kennansa ciinca'aa ka guyyaa guyya'aa dhikaatuuf, guyyaa Sanbataatiif, baatii ji'ootaatiif, guyyaa jila beekkamaneetiif, kennansa woyyichaa fi kolbaa Israa'eliitiif araara buusiisaaf ciincaa sababa cubbu'uutiif dhikaattu, hujii mana Waaqa keennaa keessatti hujantu maraaf ka te'u.34Nuuti hayyooti, Lewwooti, kolbaalle, akka seera keessatti barreeffantetti, ciincaa Mootii Waan Maraa Waaqa keennaaf dhikaatu addee ciinca'aa irratti ciincessiisaaf, qoraan barbaachisu, maatii dhikeessitu murteessiisaaf, wogguma wogga'aan hixaa buufanna.35Nuuti wogguma wogga'aan midhaan galfannuu fi midhaan mukaa mara keessaa mataa mataa gara Galma Mootii Waan Maraa finna.36Ilma angafa tokko tokkoo keennaaf dhalate, gara hayyoota Galma Waaqa keennaa keessa tajaajilanuu geessinee, akkuma seera keessatti barreeffante, achitti Waaqaaf adda baanna. Akkasuma angafa loon keennaa, angafa hoolotaa fi re'oota teennaalle Waaqaaf adda baanna.37Itti daballeelle bukoo midhaan keennaa ka qaraa irraa, kennaa midhaan keennaa irraa, midhaan mukaa mara irraa, daadhii woyni'ii haareya irraa, zayitii ejersaa irralle'ee hayyootaaf akka te'anu, Galma Waaqa keennaa keessatti addee meen itti galfamutti geessina; qachoota nuuti keessa hunyu marattuu kudhan keessaa tokko worri guuru Lewwoota waan te'eef, kudhan keessaa tokko midhaan keenna Lewwootaaf geessina.38Yennaa Lewwooti kudhan keessaa tokko kana fudhatanu, hayyichi sanyii Aaronii isaan biratti dhaggama; worri Lewwootaa ammoo kudhan keessaa tokko ka guurane san keessaa, kudhan keessaa tokko gara Galma Waaqa keennaa fidanee addee meen itti galfamutti galchan.39Lewwootii fi kolbaan Israa'elii kennaa midhaan adda addaa, woynii haareyaa fi zayitii ejersaa addee meen Galma Waaqaa keyamuu fi addee hayyooti worri hujii irra jiranu, worri karra eeguu fi faarfattooti tee'anutti geessan; nuuti ammoo Galma Waaqa keennaa hin lakkinnu.