Sooressitootii Fi Raagoti Xixamane
1Achiin duuba ani, «Isin sooreyyiin kolbaa Yaaqoobii, bulchitooti kolbaa Israa'elii caqasa'a; isin haqa beeku'uu hin mallee?2Isin waan dansaa jibbitanee, waan hantuu jaalattane; kolbaa tiyya irraa gogaa, lafee isaanii irralle'ee foon quncittane.3Isin foon kolbaa tiyyaa nyaattane; gogaa isaanii irraa quncittane; lafee isaaniille butuchitane; akka foon akowanuutii fi akka foon okkote'etti iffeelanuu kukkuttane» jedhe.4Isaan gara Mootii Waan Maraa hin iyyan; inni ammoo deebii isaaniif hin kennu. Isaan waan hantuu hujaneef, inni yennaa san fuula ifii isaan irraa hin deebifata.5Mootiin Waan Maraa, «Raagoti kolbaa tiyya karaa irraa gorsitu, yoo nami areereef, isaan nageya lassan; yoo nami hin areeriniif, woraana irratti lassan.6Tanaaf, halkan mudhii hin dhagginee fi dukkanti waan gara duraa hin dhaggisiinne hin dhutti. Raagota irratti aduun hin seenti; guyyaan isaanitti hin dukkana.7Waaqi deebii waan isaaniif hin deebinneef, worri mudhii dhaggu hin qaanowa; worri waan gara duraa himulle hin salphata; isaan fuula ifii hin gollatan» jedha.8Ani ammoo Yaaqoobiif yakkaa isaa, Israa'eliif cubbuu isaa himiisaaf hunnaan, Ayyaana Mootii Waan Maraatiin, haqaa fi jabeenna gudda'aan guutameera.9Isin sooressitooti sanyii Yaaqoobii, bulchitooti sanyii Israa'elii, worri haqa tuffattane, worri waan dhugaa te'e mara micciirtanu tana dhage'a'a;10isin dhiiga dhangalaasiisaan Xiyoon, hammeennaan Yerusaalem ijaartan.11Sooressitooti isi'ii safu'uuf muran; hayyooti isi'iille gati'iif barsiisaan; raagoti isi'iille beese'eef raagan. Isaan ammoo Mootii Waan Maraatitti irkatanee, «Dhugumaan Mootiin Waan Maraa odduu teenna jira. Balaan nutti hin dhufu» jedhan.12Tanaaf sababa keessaniif, Xiyoon akka ficha'aa hin qotanti; Yerusaalem tuulaa bututaa hin teeti; kooba Galma Waaqaa raaqi itti hin lata.