Wongeela Maarqoosii9gax_twf

1Yesuus itti dabalee, «Dhugumaan isinitti hima; namoota as dhaabbataneeranu kana keessaa, adoo hin du'in mootummaan Waaqaa, hunnaan dhutteertuun worri dhaggu jira» jedhe.

Bifa Jijjiiramuu Yesuusii

2Yesuus guyyaa jaan duuba, Pheexroos, Yaaqoobii fi Yohaannis fudhatee, ol gara gaara tokkoo qofitti baase. Achitti inni isaan duratti jijjiiramee,3woyaan isaa eennulle nami lafa irraa ka woyaa borcu tokko dande'ee haga addeessuun caalaa adii calkiiteete.4Achiin duuba barattooti sadiin Eliyaasii fi Muuseen Yesuus woliin haasowanuun dhaggane.5Pheexroos Yesuusiin, «Barsiisa'a! Asitti dhaggamuun keenna nu'uuf dansa'a! Kowa'a gosee sadiin, takkattii si'iif, takkattii Muuse'eef, takkattii Eliyaasiif ijaarraa» jedheen.6Isaan akka malee waan sodaataneeranuuf, Pheexroos waan dubbateeyyuu hin beenne.7Achiin duuba duumensi dhufee gaaddisa ifiitiin isaan golle. Duumensa keessaa qoonqoon, «Kun Ilma kiyya ka an jaaladhu, isa dhage'aa!» jette.8Yennuma san yennaa isaan adaala ifii ilaalanu Yesuus qofa ifi biratti dhaggane malee, nama dhibii eennulle hin dhaggine.9Yesuusii fi barattooti isaa gaara irraa adoo gad bu'iisatti jiranuu, «Ilmi namaa haga du'aa ka'utti waan dhaggitane, nama tokkolle'etti hin himina'a» jedhee barattoota ifii seere.10Isaan dubbii isaa fudhatane; ammoo, «Du'aa ka'iis kun maan inni?» jedhanee wol gagaafatane.11Barattooti isaa, «Maaf barsiisoti seeraa, ‹Eliyaasitti dursee dhufa› jedhan?» jedhanee Yesuus gaafatane.12Yesuus deebisee, «Akka waan mara miidhassuuf dhugumaan Eliyaas hin dhufa; ammoo Ilmi Namaa akka guddoo rakkatuu fi jibbamuu ta barreeffante ho ree?13Ani ammoo isinitti hima; Eliyaas dhufeera; akkuma waan isaatiif barreeffantetti, namooti waanuma fedhane isa tolchane» jedhe.

Yesuus Mucaa Ayyaana Hama'aan Qabame Fayyise

14Yesuusii fi barattooti sadiin, gara barattoota taanii yennaa deebi'anee dhufane, gumiin guddoon isaan marsitee, barsiisoti Seera Muuse'ee isaan woliin moromanuun dhaggane.15Gumiin sun yennaa Yesuus dhaggite, akka malee maadeffattee, gara isaa rukkittee nageya fuute.16Yesuus, «Wonni isin irratti wol morontanu maan inni?» jedhee isaan gaafate.17Gumii san keessaa namichi tokko deebisee, «Barsiisa'a! Mucaan kiyya durriisa afaan duuchuun qabameeruun gara keeti fideera.18Yennaa durriisi itti ka'u mara lafatti isa dhowa; afaan hoomacheessa, ilkaan qarsiisa, nafi isaalle sooree goga. Ani akka barattooti teeti durriisa kana baasanuuf gaafannaan, isaan ammoo hin dandeenne» jedhe.19Yesuus deebisee, «E! Isin dhaloota hin dhugeeffanne! Haga yoomii isin bira jiraadha? Haga yoomii isin ossadha? Mucaa gara kiyya fida'a!» isaaniin jedhe.20Isaanille mucaa san gara Yesuusii fidane. Durriisi akkuma Yesuus dhaggeen, mucaa gajassiisee, lafatti dhowee, gangalachiisee, hoomacha afaanii yaasisiise.21Yesuus, «Haga yoomiitii as akkana te'a?» jedhee abbaa muca'aa gaafate. Abbaan muca'aa deebisee, «Ijoolluma'aan jalqabee ti.22Yennaa hedduu ibiddaa fi bisaan keessa buusaa isa ijjeesiisaaf wodhaaneera. Ati ammoo yoo dandeette, maganne'ee nu'uuf nayiitii nu gargaar» jedhe.23Yesuus, «Maaf ‹Yoo dandeette› jetta? Nama dhugeeffannaa qabuuf wonni marti hin dande'anti» jedhee deebise.24Yennuma san abbaan muca'aa, «Ani dhugeeffannaa hin qaba. Ammoo ta caalte akka qabaadhuuf na gargaar!» jedheen.25Yesuus gumiin ariifattee itti dachaatuun yennaa dhagge, ayyaana hama'aan, «Ati ayyaana afaanii fi gurra duuda'aa! Ani si ajajaa isa keessaa bayi; deebiteelle itti hin deebi'in» jedhee isa xixe.26Ayyaanni mucaa iyyisiisee, gajassiisee keessaa baye. Mucaan akka reeffaa teenaan, namooti hedduun, «Du'eera» jedhane.27Yesuus ammoo mucaa harka qabee lafaa ol kaase; innille ol ka'ee dhaabbate.28Yesuus gara manaa seeneen duuba, barattooti isaa, «Nuuti ayyaana hamaa san maaf baasuu dadhanne?» jedhanee qofitti isa gaafatane.29Inni ammoo deebisee, «Ka akkanaa kun daadimataa fi laamaanmalee hin bawu» isaaniin jedhe.

Yesuus Ammalle Marroo Du'aa Fi Du'aa Ka'a Ifii Dubbate

30Yesuusii fi barattooti isaa addee san lakkisanee Galiilaa keessa dabarane. Yesuus, «Ilmi Namaa harka worra isa ijjeesuutitti dabarfamee hin kennama; isaanille isa hin ijjeesan; guyyaa sadiin duuba ammoo hin ka'a» jedhaa barattoota ifii waan barsiisiisatti jiruuf, eennulle addee inni jiru akka beekuuf hin barbaanne.32Isaan ammoo wonna inni barsiise kana hin hubanne; isa gaafachu'uufille sodaatane.

Ka Caalu Eennu Laati?

33Yesuusii fi barattooti isaa Qifirnaahoom dhaqanee, mana geyaneeranuun duubatti Yesuus, «Kara'atti wonni isin irratti wol morontane maan inni?» jedhee isaan gaafate.34Isaan ammoo, «Nu keessaa ka caalu eennu laati?» jedhanee waan wol moromaneeranuuf cadhisane.35Yesuus tee'een duuba barattoota kudhanii lamaan gara ifii waamee, «Nami caalaa namaa te'iisaaf barbaadu, gadee namaa te'ee, tajaajilaa nama maraa te'uu ti» jedhe.36Achiin duuba Yesuus daa'ima tokko fuudhee isaan dura dhaabbachiise. Inni isa habbaarratee,37«Eennulle ka daa'ima diqqaa akkanaa kana maqaa kiyyaan fudhatu, na fudhata; eennulle ka ana fudhatu, ka na ergelle fudhata malee na calla'aa moti» isaan jedhe.

Nami Nu'uun hin Mormine Golii Teenna

38Yohaannis Yesuusiin, «Barsiisa'a, namicha tokko, ka maqaa keetiin durriisota baasu dhagginee, waan inni golii teenna te'uu dhabeef, nuuti ammoo isa dhooggine» jedheen.39Yesuus ammoo, «Nami maqaa kiyyaan baasa hojjatee deebi'ee ammoo, dafee hantuu tiyya dubbatu waan hin jirreef, isa hin dhooggina'a.40Nami nu'uun hin mormine golii teenna.41Ani dhugumaan isiniin jedha, isin kiyya waan teetaneef, maqaa kiyyaan nami bisaan unto'oo xuuxxoo tokko isinii kennu gatii qaba.

Ataabiisa

42«Eennulle worra didiqqaa na hordofu kana keessaa tokkochi akka cubbuu tolchanuuf ataabiisaamannaa, dhakaan daaku'uu guddaan morma isaatitti hidhamee abbaayaa guddo'otti adoo gatamee isaa woyya.43Harki keeti akka cubbuu tolchituuf, yoo si ataabe ifi irraa kuti; harka lamaan qabaattee gara qilee ibidda hin dhaannee galiisaa mannaa, fafoottee gara jiru'uu galiisa si'iif woyya. [44Qilee san keessaa corroxxi nama nyaattu hin duutu; ibiddille hin dhaamu.]45Miilli keeti akka cubbuu tolchituuf, yoo si ataabe ifi irraa kuti; miila lamaan qabaattee gara qile'ee gatamu'uu mannaa, fafoottee gara jiru'uu galiisa si'iif woyya. [46Qilee san keessaa corroxxi nama nyaattu hin duutu; ibiddille hin dhaamu.]47Ilti teeti akka cubbuu tolchituuf yoo si ataadde ifi keessaa baasi; ila lamaan qabaattee gara qile'ee gatamu'uu mannaa, ila takkattii callaa qabaattee mootummaa Waaqaa galuu si'iif woyya.48Qilee san keessaa corroxxi nama nyaattu hin duutu; ibiddille hin dhaamu.49Nami martinuu ibiddaan kurowa.50«Sooddi waan dansa'a; ammoo yoo inni kuraa ifi keessaa dhabe, maaniin isa deebittanee kureessitan ree? «Soodda ifi keessatti qabaadha'a; wolii keessaniifille nageya qabaadha'a!» jedhe.