Yesuus Du'aa Ka'e
1Guyyaan Sanbataa dabareeruun duuba, Maariyaamiin qachaa Magdala'aa, Maariyaamiin haati Yaaqoobii, Saloomeelle dhaqanee nafa Yesuusii issiisaaf fiqiree bitane.2Isaan guyyaa Dilbataa barii halkaniin, yennaa aduun baatu, gara boolla awwaalaa dhaqane.3Isaan kara'atti, «Eennutti afaan boolla awwaalaa irraa dhakaa nu'uuf gangalchaa?» woliin jedhane.4Ammoo yennaa itti hiiqanee ilaalanee dhakaan guddaan bineensi sun duruu irraa garagalfameeruun dhaggane.5Isaan boolla awwaalaa keessa yennaa seenane dargaggeessi tokko, woyaa adii uffatee gara middaatitti tee'eeruun dhagganee rifatane.6Inni ammoo, «Hin rifatina'a! Isin Yesuusii Naaziretii ka fannifame barbaaddan. Inni ka'eera; as hin jiru. Addee isa keyane kunoo ilaala'a!7Amma deema'aatii, barattoota isaatii fi Pheexroositti, ‹Inni isiniin dura Galiilaa dhaqa; akkuma isinitti hime achitti isa hin dhaggitan› jedha'aa hima'a» isaaniin jedhe.8Maarre dubartooti naasu'uun bararaqanee, boolla awwaalaa keessaa bayanee baqatane. Isaan waan sodaataneeranuuf eennulle'etti womaa hin dubbanne. Yesuus Maariyaamii Qachaa Magdala'aatitti Mudhate(Mat. 28:9-10; Yoh. 20:11-18) [9Yesuus Dilbata ganama du'aa ka'een duuba, dursee Maariyaamii qachaa Magdala'aa, ta inni ayyaanota hamoota torba keessaa baaseerutti mudhate.10Isiin gara worra duri isa woliin jiranuu, ka guddoo bowiisatti jiranuu dhaxxee hinte.11Isaan Yesuus hin jira jechuu isi'iitii fi akka isa dhaggitelle yennaa dhage'ane hin dhugeeffanne.Yesuus Barattoota Lamaanitti Mudhate
12Eegii san Yesuus, barattooti lamaan qachaa keessaa bayanee adoo ideemiisatti jiranuu akka dhibi'iin itti mudhate.13Isaan deebi'anee worra kaanitti waan kana yennaa himane, isaan ammoo hin dhugeeffanne.Yesuus Barattoota Kudhanii Tokkotti Mudhate
14Eegii san Yesuus, barattooti kudhanii tokko adoo areerratiisatti jiranuu itti mudhate. Sababa isaan dhugeeffannaa dhabanee fi worra du'aa ka'iisa isaa dhaggane dhugeeffatiisa dhabiisaan mataa jabaataneef, inni isaan dheekkame.15Achiin duuba inni, «Gara biyya lafaa duudii dhaqa'aatii, kolbaa maratti Oduu Gammadaa lallaba'a.16Nami dhugeeffatee cuuphame mara hin fayya; ammoo ka hin dhugeeffanne mara itti murama.17Worri natti dhugeeffatu baasota akka tolchuuf hunni hin kennama. Isaan maqaa kiyyaan durriisota hin baasan; afaan haareyaan hin dubbatan;18Yoo dhudhuufaa harkaan qabanee ol fuudhane, yookiin yoo waan nama ijjeesu unanelle isaan hin miidhu; worra fayyaa hin qanne irra harka ifii yoo keyane, worri sunille hin fayya» isaaniin jedhe.Yesuus Gara Ol-gubba'aa Deebi'e
19Goottaan Yesuus isaan woliin dubbateen duuba, gara ol-gubba'aa fudhatamee, mogguu midda Waaqaatitti tee'e.20Achiin duuba barattooti bayanee, addee duudii dhaqanee Oduu Gammadaa lallabane; Goottaan isaan woliin hojjatee baasota hojjatanteen lallaba isaanii mirkaneesse.]