Wongeela Maarqoosii13gax_twf

Yesuus Diigamiisa Galma Waaqaa Dubbate

1Adoo Yesuus Galma Waaqaatii bayiisatti jiruu, barattoota isaa keessaa tokkochi isaan, «Barsiisa'a, ilaali! Dhakooti gugurdaan kunii fi ijaarsi gugurdaan kun attam dansa'a!» jedhe.2Yesuus, «Ati ijaarsa gugurdaa kana dhaggitaa? Isaan maraa hin diigaman; tokkochi isaaniille wol irratti hin hafanu» jedheen.

Beessisa Bara Muumme'ee

3Yesuus gaara Ejersaa gubba'aa gara Galma Waaqaa gamatti garagalee tee'uun Pheexroos, Yaaqoob, Yohaannisii fi Indiryaas qofitti gara isaa dhufanee,4«Nutti himi, wonni kun yoom teeti? Wonni kun mara te'iisaaf beessisi te'uuf jiru maan?» jedhanee gaafatane.5Yesuus isaaniin, «Eennulle akka isin hin dokonkorsine ifi eeggadha'a!6Namooti hedduun, ‹Ani Kiristoos› jedhaa maqaa kiyyaan hin dhufan; namoota hedduulle hin dokonkorsan.7Woraanaa fi oduu woraanaa yennaa dhageettane, hin sodaatina'a. Wonni akkasii kun te'uu qaddi; kun ammoo muumme'ee moti.8Gosi gosatti, mootummaan mootumma'atti hin kaati; latti addee heddu'uun hin tachooti; beeltille hin teeti. Ammoo kun akka ciniinsuu jalqabaa ti.9«Isin ifi eeggachuu qaddan. Qabanee gara mura'aa isin hin geessan; Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti isin hin dhaanan. Akka naaf dhugaa teetanu, naaf jettanee bulchitootaa fi mootota dura hin dhaabbattan.10Ammoo muummeen dhufiisaan dura, Oduun Gammadaa kolbaa maraaf lallabamuu qaddi.11«Yennaa qabanee gara mura'aa isin geessane, ‹Maan dubbanna laati?› jedhaa dursitanee hin yaadina'a. Ammoo waanuma yennaa san isinii kenname dubbadha'a; dubbii isin dubbattanu ka dubbatu Ayyaana Woyyicha malee isinii moti.12Obboleessi obboleessa, abbaalle ilma gara du'aa dabarsee hin kenna. Ijoolleen worra ifiititti kaatee hin ijjeesisiitti.13Nami martinuu sababa kiyyaaf isin jibba. Haga muumme'ee ka ossatu ammoo hin fayya.

Farra Badi'ii

14«Isin, ‹Farra badi'ii› addee dhaabbatu'uu hin malle dhaabbatuun hin dhaggittan; kana ka dubbisu hubatuu ti. Worri Yihudaa keessa jiru gara gaarotaa baqatuu ti.15Nami mana gubbaa jiru, gad bu'ee mana seenee, wo fudhatiisaaf yennaa hin dabarsin.16Nami fichaa keessa jiru, woya'aaf gara manaa hin deebi'in.17Guyyooti sun dubartoota ulfaatii fi hoosisaatiif attam sodaachisa'a!18Wonni kun ganna keessa akka hin teene daadimadha'a!19Guyyooti sun guyyoota rakkinni hamaan itti te'u. Rakkinni akkasii yennaa Waaqi biyyaa lafaa dadeen jalqabee haga ammaatitti ijjumaa te'ee hin beeku. Deebi'eelle hin te'u.20Adoo Goottaan guyyaa san gabaassuu dhabaatee, nami tokkolle hin hafu. Kolbaa ifii filateef jedhee, inni guyyaa san gabaasse.21«Yennaa san eennulle isiniin, ‹Ilaala'a! Kiristoos as jira!› yookiin ‹Ilaala'a! Achi jira!› yoo jedhe itti hin dhugeeffatina'a.22Masiihooti dharaatii fi raagoti dharaa hin ka'an. Isaan yoo dande'ane kolbaa Waaqi filatelle dokonkoriisaaf baasaa fi bilbaasa hujan.23If eeggadha'a! Ani dursee waan maraa isinii himeera.

Dhufiisa Ilma Namaa

24«Guyyootuma san keessa, yennaa rakko'oo saniin duuba, aduun hin dukkanti; jiinille deebi'ee hin ifu.25Urjooti ol-gubbaa irraa hin harcaati; hunni ol-gubba'aa hin raafanti.26Achiin duuba Ilmi Namaa, hunna guddo'oo fi ulfinnaan duumensa keessa dhufuun dhaggitan.27Inni ergantoota Waaqaa maddii arfan lafaatitti ergee, kolbaa Waaqi filate qaccee biyya lafaa mara irraa wolitti qaban.

Barumsa Muka Harru'uu

28«Muka harru'uu irraa barumsa baradha'a. Yennaa dameeleen isi'ii quunxituu fi baala baattu, bonni akka dhiyaate beettan.29Akkasuma isinille wonni kun teetuun yoo dhaggitane, akka inni balbalatti dhiyaate hin beettan.30Ani dhugumaan isinitti hima; wonni kun maraa haga teetutti dhalooti amma jiru kun hin taru.31Ol-gubba'aa fi latti hin taran; jechi kiyya ammoo ijjumaa hin taru.

Guyyaa Yookiin Yennaa San Eennulle Hin Beeku

32«Guyyaa san yookiin yennaa san eennulle hin beeku. Abbaa malee, ergantooti ol-gubba'aalle hin beekanu; Ilmille hin beeku.33Yennaan yoom akka teete isin waan hin beenneef ifi eeggadha'a! Dammaqa'a.34Wonni kun akka nami mana ifii lakkisee bayyatee deemu tokko, itti gaafatamummaa hojjatoota ifiitiif kennuu fakkaatti. Inni tokko tokkoofuu waan hujanu kennee, eeddoon balbala eegu dammaqee akka eeguuf ajaja.35Maarre, abbaan manaa galgala yookiin halkan hoxxeessa, yookiin iyya lukku'uu, yookiin barii dhufuu isin waan hin beenneef dammaqa'a!36Dedhuma yoo dhufe rattaneertanuun me isin dhagguu ti.37Ani waan isiniin jedhu nama maraanuu jedha. Dammaqa'a!» jedhe.