1Achiin duuba Yesuus isaanitti mammaakee, «Namichi tokko muka woyni'ii fichaa ifiititti dhaabee, dalleya itti marsee ijaaree, boolla midhaan isi'ii itti cunfu qotee, xelleephoo irra tee'anee eeganu ijaare. Achiin duuba qonnaan bultootatti kireessee, biyya san lakkisee deeme.2Yennaan midhaan muka woyni'ii guuranu geennaan, midhaan fudhatiisaaf hojjataa tokko gara qonnaan bultoota ifii erge.3Qonnaan bultooti sun isa qabanee, dhaananee harka duwwaa ari'ane.4Abbaan muka woyni'ii ammalle hojjataa dhibii gara isaanii erge; qonnaan bultooti mataa isaa dachaaneeqaanessane.5Abbaan muka woyni'ii ammalle hojjataa dhibii gara isaanii erge; isalle ijjeesane; worra dhibiille akkuma kana kaan dhaananee, kaan ijjeesane.6Abbaan muka woyni'ii ilma guddoo jaalatu tokko qaba. Muummee irratti, ‹Ilma kiyya hin ulfeessan› jedhee, isa gara isaanii erge.7Qonnaan bultooti sun ammoo, ‹Ka abbaa fichaa muka woyni'ii dhaalu isaa kana; kowa'a isa ijjeennaa, dhaalli nu'uuf hin te'a› woliin jedhane.8Maarre isaan ilma abbaa fichaa muka woyni'ii qabanee ijjeesanee, fichaa woyni'ii keessaa alatti qolaansane.9«Yoona abbaan fichaa muka woyni'ii maan godha ree? Inni hin dhufa; qonnaan bultoota san hin ijjeesa; fichaa muka woyni'ii san, worra dhibi'itti hin kennata.10Isin Barreeffama Woyyicha keessatti ‹Dhakaan worri mana ijaaru tuffate, dhakaa dhakaa mara caalaa barbaadamu te'e.11Wonni kun waan Goottaan tolche; ila teennalle'etti waan baasaa ti;› ta jettu hin dubbinnee?» jedhee gaafate.12Bulchitooti Yihudootaa mammaassa kana akka Yesuus isaaniif mammaake beekanee, isa qabiisaaf barbaadane; ammoo gumii waan sodaataneef isa lakkisanee deemane.
Gaaffii Marroo Kaffaliisa Gibiraa
13Isaan waan inni dubbatuun isa xaqaru'uuf jedhanee, worra Fariisaayotaatii fi golii Heroodisii keessaa jara tokko Yesuusitti ergane.14Worri ergamane dhufanee, «Barsiisa'a! Akka ati dhugaa dubbattu nuuti hin beenna; nama tokkolle hin sodaattu; karaa Waaqaa dhuga'aan barsiitta malee, nama wol hin caalchittu. Mooticha mootota worra Rooma'aatiif gibira kaffaluun seera moo seeraa moti? Hin kaffalla moo hin kaffallu?» jedhaneen.15Inni ammoo kijiba isaanii beekee, «Isin maaf na xaqariisaaf wodhaantan? Me hin ilaalaa, beesee san fida'a!» jedheen.16Isaan beesee itti finnaan, «Fakki'ii fi maqaan irra jiru kun ka eennuuti?» jedhee gaafate. Isaanille, «Ka mooticha mootota worra Rooma'aa ti» jedhaneen.17Maarre Yesuus isaaniin, «Ka mootichaa mootichaaf, ka Waaqaa Waaqaaf kenna'a!» jedhe; isaanille isa baaseffatane.