Wongeela Maarqoosii10gax_twf

Yesuus Dhirsaa Fi Niitiin Akka Wol Hin Lakkinne Barsiise

1Yesuus addee sanii ka'ee gara biyya Yihuda'aatii fi laga Yordaanosiitiin gama dhaqe. Ammalle gumiin guddoon gara isaa dachaanaan, inni akkuma aadaa ifii isaan barsiise.2Worri Fariisaayotaa tokko tokko Yesuus dubbi'iin xaqariisaaffedhanee, gara isaa dhufanee, «Nami tokko ibidda ifii baasuun seeraa?» jedhanee gaafatane.3Yesuus deebisee, «Seerri Muuse'ee maan jedha?» isaaniin jedhe.4Isaan deebisanee, «Muuseen ‹Nami tokko woraqata lakkeessaabarreessee akka lakkisuuf eeyyameera› » jedhane.5Yesuus deebisee, «Muuseen sababa mataa jabeenna keessaniitiif seera kana isinii barreesse.6Jalqabatti yennaa dadi dadantu, ‹Waaqi dhiiraa fi dubartii dade;›7‹Waan kanaaf nami tokko abba'aa fi haadha ifii lakkisee ibidda ifii woliin wol qabatan.8Isaan lachuu tokko te'an.› Maarre yoona isaan foon tokko malee lamaanii moti.9Waan Waaqi wolitti qassiise nami gargar hin baasin!» isaaniin jedhe.10Yennaa deebi'anee galane, manatti barattooti isaa dubbii tana isa gaafatane.11Inni deebisee, «Eennulle ka ibidda ifii lakkisee dubartii dhibii fuudhu, ibidda ifii dassee gaarayyeeffata.12Akkasuma dubartiin abbaa manaa ifii jalaa baatee, nama dhibii heerumtu takka hin gaarayyeeffatti» isaaniin jedhe.

Yesuus Ijoollee Didiqqoo Eebbise

13Namooti gariin akka Yesuus harka ifiitiin qaqqabee eebbisuuf, ijoollee didiqqoo gara isaa fidane. Barattooti ammoo isaan dheekkamane.14Yesuus yennaa waan kana dhagge aaree, «Mootummaan Waaqaa waan ta worra akka ijoollee tanaa teeteef, ijoolleen gara kiyya dhuttuutii, hin dhooggina'aa lakkisa'a!15Ani dhugumaan isinitti hima; eennulle mootummaa Waaqaa akka ijoolleen takka fudhattutti ka hin fudhanne, itti hin galu» jedhe.16Achiin duuba ijoollee habbaarratee harka ifiitiin qaqqabee, isaan eebbise.

Namicha Dureessa Tokko

17Yesuus ideemiisaaf ka'ee kara'atti bayeeruun, namichi tokko gara isaa fiigee, isa duratti jilbiiffatee, «Barsiisaa dansa'a! Jiruu bara baraatitti galiisaaf ani maan tolchu'uu male?» jedhee gaafate.18Yesuus deebisee, «Maaf barsiisaa dansa'a naan jetta? Waaqa tokkocha malee, nami dansaan tokkolle hin jiru.19Ati seera ‹Hin ijjeesin, hin gaarayyeeffatin, hin hatin, dharaan nama irratti dhugaa hin bayin, hin sobin, abbaa keetii fi haadha teetiif ulfinna kenni› jedhu hin beetta» jedheen.20Namichi deebisee, «Barsiisa'a! Ani seera kana mara ijoollumma'aanuu jalqabee eegadheera» jedheen.21Yesuus isa hubatee ilaalee jaalatee, «Waan tokko calla'atti si irraa dhidhate. Dhaqii, waan qaddu gurguriitii, worra hiyyeeyyi'iif kenni, ol-gubba'atti hin duroontaa; achiin duuba koyiitii na hordofi!» jedheen.22Namichi yennaa dubbii tana dhage'ee karra guddoo waan qabuuf, fuula ifii gurraachessee, gaddee achii deeme.23Yesuus adaala ifii ilaalee barattoota ifiitiin, «Worra dureeyyi'iif mootummaa Waaqaatitti galuun attam rakkisa'a!» jedhe.24Barattooti dubbii tana rifatane. Yesuus ammoo ammalle, «Ijoollee tiyya mootummaa Waaqaatitti galiisi attam attam rakko'o!25Nami dureessi tokko mootummaa Waaqaatitti galiisaan irra gaalli qowa limmo'ookeessa hulluuqiisatti kaso'oo» isaaniin jedhe.26Barattooti Yesuusii akka malee dubbii tana baaseffatanee, «Yoona eennutti fayyuu dande'a ree?» jedhanee wol gagaafatane.27Yesuus gara isaanii ilaalee, «Tun Waaqaaf malee namaaf hin dande'antu; Waaqaaf wonni maraa hin dande'anti» jedhe.28Jennaan Pheexroos, «Kunoo, nuuti waan maraa lakkinnee si hordonneerra» jedheen.29Yesuus deebisee, «Dhugumaan isinitti hima; eennulle mana yookiin obboleeyyan yookiin obboleettota yookiin haadha yookiin abbaa yookiin ijoollee yookiin fichaa anaa fi Oduu Gammadaatiif jedhee ka lakkise,30lafuma tanatti manoota, obboleeyyan, obboleettota, haadhotii, ijoolle'ee fi fichoota harka dhibbaan caalaa miidhaa woliin hin fudhata; lafa dhuttulle'etti jiruu bara baraa hin qabaata.31Ammoo worri hedduun amma dura jiranu, worra duubaa hin te'an; worri hedduun amma duuba jiranu worra duraa hin te'an» jedhe.

Yesuus Marroo Du'aa Fi Du'aa Ka'a Ifii Sadeessoo Dubbate

32Yesuusii fi barattooti isaa Yerusaalem dhaqiisaaf kara'atti bayanee ol qabatanuun, Yesuus isaaniin dura ideemuun, barattooti maadeffatanee, worri duubaan hordofiisatti jirulle sodaatane. Inni ammoo worra kudhanii lamaan ammalle maddi'itti baasee, waan isatti dhufu'uuf jiru isaanitti hime.33Inni isaaniin «Kunoo, gara Yerusaalemii ol bayaarra; Ilmi Namaa harka sooreyyii hayyootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetitti dabarfamee hin kennama. Isaan du'a itti muranee, worra Yihudoota hin te'inittidabarsanee isa hin kennan;34isaan isa hin ceeggatan, itti hin tufan, dhaananee hin ijjeesan; ammoo guyyaa sadiin duuba du'aa hin ka'a» jedhe.

Gaaffii Ilmaan Zabdewoosii

35Ilmaan Zabdewoosii Yaaqoobii fi Yohaannis gara Yesuusii dhufanee, «Barsiisa'a! Nuuti akka ati nuuf tolchituuf waan barbaannutti jira» jedhaneen.36Yesuus, «Akka ani isinii tolchuuf wonni isin barbaaddanu maan isiin?» isaaniin jedhe.37Isaan deebisanee, «Yennaa barcumaa keeti ka mootummaa ulfinnaa irra teette, tokko midda keetitti, tokko bitaa keetitti akka teennu barbaanna» jedhaneen.38Yesuus ammoo, «Isin waan gaafattanu hin beettanu! Muduunuurakko'oo ta ani itti unutti unuu hin dandeettanii? Akka ani cuuphamu cuuphamuu hin dandeettanii?» isaaniin jedhe.39Isaan, «Hin dandeenna» jedhaneen. Yesuus, «Isin dhugumaan muduunuu ani itti unutti unuu hin dandeettan, akka ani cuuphamu cuuphamuu hin dandeettan.40Middaa fi bitaa kiyyatti filee ka teessisu ammoo anaa moti; addee tana worra qophootteertuuf ka kennu Waaqa» isaaniin jedhe.41Barattooti kudhan hafane kuun yennaa waan kana dhage'ane, Yaaqoobii fi Yohaannisitti aarane.42Yesuus ammoo gara ifii isaan waamee, «Mootoleen worra Yihudoota hin te'inii, worra mowanu hunnaan akka mowanu, bulchooti isaaniille baallii guutu'uun akka bulchanu isinuu hin beettan.43Isin oddu'utti ammoo akkas hin te'u; eennulle isin keessaa nama guddaa te'iisaaf ka barbaadu, tajaajilaa keessan te'uu ti.44Eennulle isin keessaa nama namaan duraa te'iisaaf ka barbaadu, garbicha nama maraa te'uu ti.45Ilmi namaa tajaajiliisaaf, namoota hedduulle wodiisaaf lubbuu ifii kenniisaaf dhufe malee, tajaajilamiisaaf hin dhunne» jedhe.

Yesuus Barxiimewoosii Ila Balla'aa Fayyise

46Yesuusii fi barattooti isaa Yerikoo dhaqane. Isaan gumii guddo'oon woliin yennaa Yerikoo lakkisanee bayane, namichi ila balla'aa kadhatichi tokko ka Barxiimewoos jedhamu, ilmi Ximeewoosii karaa qarqara tee'eera.47Inni Yesuus nama biyya Naaziretii akka te'e yennaa dhage'e, «Yesuus! Ilma Daawitii naaf nayi!» jedhee iyye.48Namooti hedduun isa cadhisiisiisaaf xixane; inni ammoo ittuma caalchisee qoonqoo guddo'oon, «Ilma Daawitii, naaf nayi» jedhee iyye.49Yesuus dhaabbatee, «Isa as waama'a!» jedhe. Jennaan isaan namicha waamanee, «Inni si waamiisatti jira, jabaadhu! Ka'i!» jedhaneen.50Maarre inni geelaaifi irraa gatee, utaalee ka'ee, gara Yesuusii dhufe.51Yesuus, «Maan akka ani si'iif godhu barbaadda?» jedhee isa gaafate. Namichi ballaan deebisee, «Barsiisa'a! Ani dhaggiisaaf barbaada» jedheen.52Yesuusille isaan, «Dhugeeffannaan teeti si fayyicheerti deemi!» jedhe.