1Jilti Daabboo Uukoo Hin Qannee, ta Jila Irra Dabarama jedhantu dhikaatteertiiyyu.2Sooreyyiin hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muuse'ee kolbaa waan sodaataneeranuuf, karaa Yesuus ittiin ijjeesanu barbaadane.3Achiin duuba Seexanni, barattoota kudhanii lamaan keessaa tokko ka te'e, Yihudaa nama biyya Keriyootii seene.4Maarre Yihudaan dhaqee sooreyyii hayyootaatii fi qondaaltotaeedduu Galma Waaqaa woliin attamiin akka Yesuus dabarsee isaaniif kennu mari'ate.5Isaan guddoo gammadanee beesee isaaf kenniisaaf wolii galane.6Maarre Yihudaan wolii galee, addee gumiin hin jirretti Yesuus dabarsee isaaniif kenniisaaf, yennaa dagu'uu barbaadatiisatti ka'e.
Qophii Sagalee Jila Irra Dabaramaa
7Achiin duuba guyyaan Jila Daabboo Uukoo Hin Qannee, ka hooleen Jila Irra Dabaramaa itti qalamuu qabu geye.8Yesuus Pheexroosii fi Yohaannisiin, «Sagalee Jila Irra Dabaramaa akka nyaannuuf, dhaqa'aatii nu'uuf qopheessa'a!» jedhee erge.9Isaan, «Eessatti akka qopheessinuuf barbaadda?» jedhanee isa gaafatane.10Inni deebisee, «Yennaa gara qacha'aa dhaxxanee seentane, nami tokko okkotee bisaanii ba'atee isin hin wolde'a; isa gula gara mana inni itti galuu dhaqa'a.11Abbaa manaatiin, ‹Kolloon keessumma'aa ta ani barattoota tiyya woliin sagalee Jila Irra Dabaramaa keessatti nyaadhu eessa jirti? Si'iin jedha barsiisaan› jedha'a.12Inni kolloo mana irraa badhoo, ta afantee meya manaatiin qophootte takka isinitti hin mudhisa. Achitti nu'uuf qopheessa'a!» jedheen.13Maarre isaan dhaqanee wonni maraa akkuma inni isaanitti hime teeteertuun dhagganee, sagalee Jila Irra Dabaramaa qopheessane.
Irbaata Gootta'aa
14Saatiin geennaan, Yesuus ergantoota ifii woliin qori'itti hiiqee tee'e.15Inni isaaniin, «Ani adoo hin rakkatin dura sagalee Jila Irra Dabaramaa isin woliin nyaatiisaaf guddoo halcheera.16Ani isinitti hima, haga mootummaa Waaqaa keessatti muummottutti, ani deebi'ee sagalee Jila Irra Dabaramaa hin nyaadhu» jedhe.17Achiin duuba Yesuus muduunuu fuudhee, Waaqaaf galata galchee, «Hoo'aa, qoodama'a!18Ani isinitti hima, ammaan jalqabee haga mootummaan Waaqaa dhuttutti midhaan woyni'iiirraa hin unu» jedhe.19Xaltaa daabbo'oolle fuudhee, Waaqaaf galata galchee, cassee, «Kun foon kiyya, ka isiniif kenname; kana qaabbii tiyyaaf godhadha'a!» jedhaa isaanitti kenne.20Akkasuma, sagalee galgalaatiin duuba muduunuu fuudhee, «Muduunuun tun dhiiga kiyya ka isinii dhangala'een, gondooroo haareya.21Ammoo kunoo, harki nama na dabarsee kennuu na woliin qorii keessa jira!22Ilmi Namaa akkuma murtoottetti hin du'a; ammoo nama isa dabarsee kennu saniif aanne'e!» jedhe.23Achiin duuba isaan, isaan keessaa waan kana ka godhu eennu akka te'e wol gagaafatane.
Mormii Marroo Eentu Caala'aa
24Isaan keessalle'ee eentu akka caalu odduu isaaniititti wol mormiin kaate.25Yesuus isaaniin, «Moototi worra Yihudoota hin te'inii kolbaa ifii hin mowan; bulchitooti isaaniille, ‹Bu'aa buuttuu kolba'aa› ifiin jedhan.26Isin keessatti ammoo akkas hin te'in; isin keessaa caalaan akka maandhichaa te'uu ti; sooressille akka tajaajila'aa te'uu ti.27Ka caalu eennu? Ka sagalee areerratiisaaf tee'u moo, ka areeru? Ka areerratiisaaf tee'uu motii? Ani ammoo isin oddu'utti akka areertu'uu ti.28Isin worra rakkinna kiyya keessatti na woliin turtane.29Akkuma abbaan kiyya ana mootonse, anille isin hin mootonsa.30Mootummaa tiyya keessatti qorii tiyya keessaa hin nyaattan, hin untan, barcumaa mootumma'aa irra teettanee gosa Israa'elii kudhanii lama irrattille hin murtan» jedhe.
Mormatiisa Pheexroosii Yesuus Duraan Dursee Hime
31Yesuus, «Simoon, Simoon, dhage'i! Seexanni isin maraa akka qamadi'ii wobansiisaaf gaafateera.32Ani ammoo dhugeeffannaan teeti akka hin banne si'iif daadimadheera. Atille yennaa gara kiyya deebite, obboleeyyan teeti jajjabeessi!» jedhe.33Pheexroos ammoo, «Gootta'a, ani si woliin gara mana hidha'aa dhaqiisaa fi du'iisaafille qophoweera» jedhe.34Yesuus deebisee, «Pheexroos, ani sitti hima, edanuma adoo lukkuun hin iyyin yennaa sadiin si hin beeku jettee na hin mormatta» jedheen.
Korojoo, Subbaa Fi Shallaagaa
35Achiin duuba Yesuus, «Korojoo, subba yookiin kophee adoo hin qabatin yennaa ani isin erge, wonni isinii dhidhatte jirti?» jedhee barattoota ifii gaafate. Isaan deebisanee, «Womaa hin dhidhanne!» jedhane.36Yesuus isaaniin, «Amma ammoo, nami korojoo, yookiin subba qabu qabatuu ti; nami shallaagaa hin qanne woyaa ifii gurguree shallaagaa bitatuu ti.37Ani isinitti hima, Barreeffam Woyyichi, ‹Yakkaameyyii woliin laakkowame› ka jedhu, na irratti muummowiisa qaba; dhugumaan marroo tiyyaaf ta barreeffantelle muummowiisatti jirti» jedhe.38Barattooti, «Ilaa, Gootta'a, shallaagaan lamaan as jira» jedhane. Jennaan inni deebisee, «Hin geya!» jedhe.