1Kanaan duuba Goottaan nama torbaatamii lamaan dhibii filatee, gara qacha'aa fi addee ifii dhaqu'uuf jiruu mara lamaan lamaaniin ifiin dura erge.2Inni isaaniin, «Midhaan haamamu gudda'aa, worri haamu ammoo diqqa'a; abbaan midhaanii worra haamu gara ficha'aa akka erguuf daadimadha'a.3Amma beena'a! Kunoo ani akka ilmoolee hoole'ee yayyii odduu isin erga.4Korojoo yookiin subba yookiin kophee hin qabatina'a; eennulle nageya fuudhiisaaf kara'atti hin dhaabbatina'a.5Mana tokko yennaa seentane duraan dursa'aatii, ‹Nageenni mana kanaaf te'uu!› jedha'a.6Yoo nami nageya jaalatu achi jiraate, nageenni keessan nama saniif te'uu ti; yoo hin jiraanne, nageenni keessan isinii deebi'a.7Manuma san keessa tura'a; hojjataa tokkoof mindaan barbaachisaa waan te'eef, waan isaan isiniif kennanu maraa nyaadha'aa una'a. Manaa gara manaa hin labina'a!8Yennaa gara qachaa tokkoo seentanee isin fudhatane maraa, waan isiniif kennanu sooradha'a;9qachaa san keessatti dhibamaa fayyisa'a; kolbaa achi jirtulle'een, ‹Mootummaan Waaqaa isinitti dhikaateerti› jedha'a.10Ammoo yennaa gara qachaa tokkoo seentanee isin fudhatiisa dhabane mara, kara'atti baya'aatii,11isaaniin ‹Bukuu qachaa keessanii ka miila keennatti qabattelle ifi irraa hin haxowanna; ammoo mootummaan Waaqaa akka dhikaatte beeka'a!› jedha'a.12Ani isinitti hima, guyyaa mura'aa worra qachaa saniitiin irra worra Sodoomiitiif kaso'o» jedhe.
Qachoota Hin Dhugeeffanne
13Yesuus ede'ee, «Aannee si'iif, Koraaziin! Aannee si'iif, Betsayida'a! Bilbaasi Waaqaa ka si keessatti godhame, adoo Xiiroosii fi Sidoonaa keessatti godhamee jiraatee, silaa kolbaan uffana gaddaa uffattee, daadhaa keessa teetee duruu araara galteertiiyyu.14Guyyaa mura'aa isin caalaa Xiiroosii fi Sidooniif kasoo teeti.15Qifirnaahoom ati haga ol-gubba'aa ifi ol qabuu barbaaddaa? Maarre gara boolla qile'ee gad gatanta.16«Ka isin dhage'u na dhage'a; ka isin didu na dida; ka ana didu ka ana erge dida» jedhe.