Gadda Ermiyaasii5gax_twf

Daadimata Marartii Dhaggatiisaaf Dhikaate

1Ee Waaqa, waan nu irratti te'e qaabadhu;kunoo, salphinna keennalle dhaggi.
2Qabeenna keenna ormi,mana keenna alagaan fudhate.
3Nuuti ijoollee worri irraa du'e,ta abbaa hin qannee teeneerra;haadhotiin teennallehaadha hiyyeessaa te'aneeran.
4Bisaan unnuuf hin kaffalla;qoraanille hin bitanna.
5Akka horii waanjoo itti hidhaneeoofamiisaan guddoo dadhanneerra;fooralle nu dhoogganeeran.
6Sagalee quufiisaaf,worra Gibxi'iitii fi Asooriititti harka kennanne.
7Abbootiin teenna ta duriicubbuu hujjee dabarte;nuuti ammoo sababa cubbuu isaaniitiifrakkatiisatti jirra.
8Garbooleen nu bulchan;nami harka isaaniitii nu baasu hin jiru.
9Goomolee keessaijjeechaan waan jirtuuf,lubbuu teenna gurgurannee,sagalee dhagganna.
10Beela irraa ka ka'egogaan keennaakka suunsumaa gurraachoweera.
11Dubartoota Xiyoon keessatti,durralle qachoota Yihuda'aa keessattihunnaan woliin rafane.
12Sooreyyiin harka isaaniitiin fannifante;jaarsoleen ulfinna dhadde.
13Dargaggoota dhiiraahunnaan daakuu daassifatane;ijoolleen dhiiraaqoraan guddaa ba'atanee tintimane .
14Jaarsoleenyaa'ii karra qacha'aa,dargaggootille sirba lakkitteerti.
15Gammadi gadhaa keenna keessaa badeera,sirbi keenna gara bowaa deebi'eera.
16Nuuti cubbuu waan hunyeef,ulfinni nu irraa ka'eera;nu'uuf aanne'e!
17Waan kanaaf gadhaan nu dhibameera;iltille nu cuurrotteerti.
18Sababa kanaaf gaarri Xiyoonii onee,jeedalti irra burraaxxi.
19Ee Waaqa, ati ammoo,haga bara baraa mooti'i;barcumaan mootummaa teetiilledhalootaa haga dhalootaatitti jiraata.
20Ati maaf ijjumaa nu deete?Maaf haga kana mara nu lakkitte?
21Ee Waaqa, akka duriititti nu deebifadhu,nuutille hin deebina;bara keenna haaressii akka durii nuu tolchi.
22Yoo kana hin tolchin ati nu gatteerta;akka maleelle nutti aarteerta.