Kitaaba Abbootii Mura'aa8gax_twf

Injifatama Worra Miidiyaanii Ka Muumme'ee

1Achiin duuba kolbaan Efreemii Giidewoniin, «Ati worra Miidiyaanii loliisaaf yennaa baate, maaf nu waamuu dhadde? Maaf akkas nu goote?» jedhanee guddoo isa komatane.2Inni ammoo isaaniin, «Ani ka huje irra, ka isin hujjane hin caaluu ree? Woxoon midhaan woyni'ii ka sanyiin Efreemii qocce, ka sanyiin Abii'ezerii qoccee galchite mara hin caalaa motii ree?3Waaqi sooreyyii gugurdoo worra Miidiyaanii lamaan, Oreebii fi Ze'eeb harka keessanitti dabarsee kenneera. Ani ammoo haga isin hujjane kana maan huje ree?» jedhe. Inni yennaa tana isaaniin jedhe, aarii caffatane.4Giidewonii fi namooti dhibbi sad isa woliin jiranu, gara laga Yordaanosii dhufanee gamatti bu'ane; isaan dadhabanulle diinota ari'iisa hin lakkinne.5Qachaa Suukootii yennaa geyane Giidewon namoota qachaa keessa jiranuun, «Namooti na gula yaa'anu kun dadhabaneeran; maganne'e sagalee kenna'aaf; anille mootota Miidiyaanii, Zeba'aa fi Zalmunaa ari'iisatti jira» jedhe.6Qondaaltoti Suukootii ammoo, «Ati haga ammaa Zeba'aa fi Zalmunaa hin boojine, nuuti maaf sagalee loltoota keetiif kennina ree?» jedhane.7Maarre Giidewon, «Dansa'a! Mootiin Waan Maraa yennaa Zeba'aa fi Zalmunaa harka kiyyatti dabarsee kenne, qore'ee fi qumi'uuduu goomole'eetiin nafa keessan babbassa» jedhe.8Achiin ka'ee Giidewon gara qachaa Pheeni'elii dhaqee, gaaffuma san isaan gaafate; namooti qachaa Pheeni'eliille deebuma kolbaan Suukootii deebitte deebisane.9Maarre Giidewon kolbaa Pheeni'eliitiin, «Injifacha'aan yennaa deebi'u, xelleephoo qachaa keessan ittiin eegattanu tana hin diiga» jedhe.10Yennaa san Zeba'aa fi Zalmunaan loltoota ifii woliin qachaa Qarqorii keessa jiraniiyyu. Loltooti kum dhibba tokkoo fi kum diddam waan ijjeefamaneef, loltoota kolbaa gara lafa baya adu'uu mara keessaa, loltoota gara kuma kudhanii shaniititti hafe.11Maarre Giidewon karaa worri hori'iin godaanu, ka Noba'aa fi Yogbehaa irraa gara baya adu'uu jiruu dhaqee, loltoota dedhuma jiranu san lole.12Moototi worra Miidiyaanii lamaanuu Zeba'aa fi Zalmunaan baqatane; Giidewon ammoo isaan ari'ee booji'e; loltoota isaaniille mara bararasse.13Giidewon ilmi Yo'aasii karaa Haaresitti dabaruun lola irraa yennaa deebi'e,14namoota Suukootii keessaa dargaggeessa tokko qabee, qorqore; dargaggeessille maqaa qondaaltotaatii fi jaarsolee qachaa Suukootii torbaatamii fi torba barreesseef.15Achiin duuba Giidewon gara kolbaa qachaa Suukootii dhaqee, «Zeba'aa fi Zalmunaan ka isin marroo isaaniitiif, ‹Ati haga ammaa Zeba'aa fi Zalmunaa hin boojine, nuuti loltoota dadhaddeef maaf sagalee kennina ree?› jedhaa natti murgitanu, kunoo ti» jedheen.16Saniin duuba inni, jaarsolee qachaa Suukootii fuudhee, qore'ee fi qumi'uudu'uun babbassee adabiisaan, kolbaa Suukootii barsiise.17Inni xelleephoo qachaa Pheeni'eliille diigee, namoota qachaa san keessa jiranulle ijjeese.18Achiin duuba Giidewon Zeba'aa fi Zalmunaaniin, «Isin namoota attamii Taaboritti ijjeettane?» jedhee isaan gaafate. Isaan deebisanee, «Isaan si fakkaatan; tokko tokkoon isaaniituu ilmaan mooti'ii fakkaatan» jedhaneen.19Giidewon deebisee, «Isaan obboleeyyan tiyya, ilmaan haadha tiyyaa ti; dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, adoo isin isaan ijjeesuu dhaddanee jiraattane, anille isin hin ijjeesuuyyu» isaaniin jedhe.20Achiin duuba inni Yeterii ilma ifii angafichaan, «Ka'iitii jara tana ijjeesi!» jedhe. Yeter ammoo mucaa diqqaa waan te'eef sodaatee, shallaagaa ifii hin buqqifanne.21Achiin duuba Zeba'aa fi Zalmunaan, «Jabeenni namaa haguma abbichaa ti; tanaaf atinuu ka'iitii nu ijjeesi» jennaan, Giidewon ka'ee isaan ijjeesee, meya seesaa ka morma gaala isaanii irra jiru fudhate.22Saniin duuba Israa'elooti Giidewoniin, «Harka worra Miidiyaanii jalaa waan nu baatteef, ati, ilmi keetii fi ilmi ilma keetii bulchitoota teenna te'a'a» jedhane.23Giidewon deebisee, «Mootiin Waan Maraa isin bulchuu ti malee, ani isin hin bulchu; ilmi kiyyalle isin hin bulchu» jedhe.24Inni ammalle isaaniin, «Ani waan isin gaafadhu tokko qaba; tokko tokkoon keessan waan boojitane keessaa qubee worqi'ii ta gurraa naaf kenna'a» jedhe; qubee worqi'ii ta gurraa gurratti keyatiis aadaa worra Ishimaa'elootaa ti.25Isaanille deebisanee, «Gammadaan siif hin kennina» jedhanee, woyaa ifii lafatti afanee, tokko tokkoon isaaniituu waan booji'ane keessaa, qubee worqi'ii ta gurraa achi irra keyane.26Qubeen worqi'ii ta gurraa ta Giidewon fudhate sun, seesa dhibii, seesa mormaa ka adda addaa, woyaa dhiillee moototi Miidiyaanii uffattu, akkasuma seesa morma gaalaatitti dirame adoo itti hin dabalin, gara kiiloo diddamaa ti.27Giidewon worqii san irraa woyaa hayyumma'aa ta qomaa hujee, qachaa ifii ka «Ofraa» jedhamu keessa keye. Israa'elooti martinuu Waaqaaf addatamuu dhabanee, woyaa hayyumma'aa ta qomaa san waaqonfatane; wonni kunille Giidewonii fi maatii isaatiif tiyyoo teete.28Maarre worri Miidiyaanii worra Israa'elootaatiin injifatamane; deebi'aneelle mataa ol hin qabanne; bara Giidewonii keessa woggaa afurtama latti nageya dhaggatte.

Du'a Giidewonii

29Giidewon ilmi Yo'aasii gara mana ifii deebi'ee, achi le'e.30Inni niitota hedduu waan qabuuf, ilmaan torbaatama qabaayyu.31Gursumeettiin isaa ta Sheekem keessa leetu takkalle, ilma deetteef; innille maqaa isaa «Abiimelek» jedhee baase.32Giidewon ilmi Yo'aasii guddatee dulloomee du'ee, qachaa Ofra'aa ka sanyii Abii'ezerii keessatti, addee awwaala abbaa ifii keessatti awwaalame.33Akkuma Giidewon du'een, kolbaan Israa'elii Waaqaaf addatamuu dhaddee Ba'aal Waaqa dharaa waaqonfattee, Ba'aal-beriiti Waaqa ifii godhatte.34Israa'elooti Mootii Waan Maraa Waaqa ifii, ka diinota adaala isaanii jiranu duudii jalaa isaan baase dedhane.35Akkasuma isaan waan dansaa Giidewon ka «Yiruub-Ba'aal» jedhame, kolbaa Israa'eliitiif godhe maraaf, maatii isaatiif nama galataa hin teene.